ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Naannoo Amaaraa godina Walloo Kibbaatti haleellaa Diroonii konkolaataa Ambulaansii irratti raawwatameen lubbuun namoota shan darbe

Finfinnee, Muddee 04/2023 – Naannoo Amaaraatti haleellaa meeshaalee waraana gurguddaa aanaalee hedduu keessatti raawwatameen lubbuun namoota nagaa yoo darbu, bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an bal’inaan barbadaa’aniiru. Namoonni ijaan argan yaada Addis Standarditti laataniin, haleellaan raawwatame kun manneen jireenyaa fi gamoolee naannichaa irratti gaaga’ama bal’aa akka geessisan himaniiru.

Kamisa darbe galgala, tilmaamaan sa’aatii 5:00 irratti godina Walloo Kibbaa aanaa Dalaantaa magaalaa Wagalxeenaa keessatti ambulaansiin meeshaalee yaalaa murteessoo ta’an magaalaa Dassee irraa gara Hospitaala Sadarkaa Duraa Dalaantaatti fe’ee yeroo magaalattii ga’u haleellaa diroonii irratti raawwatamuu jiraataan magaalattii obboleessi isaa haleellaa kanaan jalaa du’e Addis Standarditti hime. Haleellaa kanaan obboleessi jiraataa kanaa Heenok Shumee jedhamu dabalatee lubbuun namoota 5 yoo darbu, konkolaataa ambulaansii irratti miidhaa ulfaataa geessiseera. 

“Obboleessa koo konkolaataa hedduu miidhame keessa yeroon argu reeffi isaa haala adda baafamuu hin dandeenyetti miidhamee ture,” jedhe obboleessi Heenok. “Humni dhohinsa kanaa haala hamaa ta’een ambulaansii sana cicciree waan tureef, wanti adda baafamuu danda’u tokkollee hin hafne.”

​ Obboleessi Heenok akka himetti, konkolaachisaa, hojjettoota Hospitaala Dalaantaa lamaa fi namoota nagaa firooma hin qabne lama taatee sanatti dhihoo jiran dabalatee walumaa galatti dhohinsa kanaan lubbuun namoota shan darbeera.

Akka obboleessi isaa jedhutti, Heenok ogeessa faarmaasii, waggoota hedduudhaaf Hospitaala sadarkaa tokkoffaa Dalaantaa keessatti qacaramee hojjechaa turedha. Heenok hanga beekumsa isaatti gareewwan hidhatan naanniichatti socho’an kamiyyuu waliin hirmaannaa akka hin qabne obboleessi isaa dabalee himeera. “Balaa hin eegamne kun maatii keenya hunda kan rifache fi gadda guddaa keessa galchedha. Ammallee dhugaa obboleessa koo jaallatamaa dhabuun miidhamaa jirra,” jechuun ibseera.

Taateen biraa torbee darbe godina Wolloo Kaabaa aanaa Laastaa fi Habruu keessatti mudateen lubbuun namoota nagaa akka darbe gabaasni VOA baase ni mul’isa. Aanaa Laastaatti haleellaan meeshaa waraanaa tilmaamaan ganama sa’aatii 4:00 irratti gabaa irratti kan raawwatame. Guyyaa daldalaan itti baay’atutti gabaan kun baay’inaan waan guutameef lubbuun haadha fi daa’imaa dabalatee lubbuun namoota hedduu darbuu gabaafameera.

Waldhabdeen mootummaa federaalaa fi garee milishaa al idilee Faannoo gidduutti deemaa jiru bu’uuraalee murteessoo naannichaa irrattis dhiibbaa hamaa geessiseera. Keessattuu kan riqicha Angasaa jedhamu kan magaalaa guddoo naannichaa Baahirdaar, Finfinnee waliin walqunnamsiisu irratti miidhaa guddaan gahuu yaaddoo uumeera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Itti gaafatamaan Biiroo Daandiiwwanii Naannoo Amaaraa Gaashaaw Awwaqaa, riqichi dheerina meetira 40 qabu magaalota Baahirdaar, Mooxaa, Makaana Salaam, fi Finfinnee gidduutti imalaaf murteessaa ta’ee ture miidhaan cimaan irra gahuu ibsan. Riqichi kun waggoota kurnan afur dura ijaaramus, hanga miidhaa dhiheenya kana isa mudatutti haala gaarii irra ture. AS

Related Articles

Back to top button