DALDALAODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Haleellaa finciltoonni Yamanii Galaana Dimmaarratti raawwataniin dooniin daldalaa sadi rukutaman, dooniin waraanaa Ameerikaa diroonii sadi kuffise

Finfinnee, Muddee 04, 2023 – Misaa’ela balali’aa finciltoonni Yamanii dhukaasaniin doonii daldalaa sadi Sanbata Guddaa Galaana Diimaa keessatti rukutamaniiru, akkasumas waraana ofirraa qolachuu dooniin waraanaa Ameerikaa taasiseen dirooniiwwan sadi kuffisuun gabaafameera.

Finciltoonni Hawtii kan Iraaniin deeggaraman haleellaa kana raawwachuu amananiiru.

Haleellaan kunneen haleellaan galaana irraa Baha Giddugaleessaatti dabalaa dhufuu kan agarsiisu yoo ta’u haleellaan kuni waraana Israa’eeliifi Hamaas waliin hidhata kan qabuudha.

Haleellaa kanaaf Iraan irratti “deebii sirrii ta’e hunda kennuuf” Ameerikaan waadaa galtee jirti. Omisha nuukilaara Teehraan dabalaa dhufuun walqabatee muddamni guddachaa dhufeera.

“Haleellaan kuni daldal idiladdunyaafi nageenya galaana irratti sodaa qajeela ta’e uumeera,” ibsa ajajaa humna waraana Ameerikaatu jedhe. Gareen kunneen lubbuun namoota biyyoota garaagaraa irraa dhufanii balaarra buusaniiru.”

Itti dabaluun, “haleellaan kuni Haawtii Yamaniitiin kan Iraaniin deeggaramaniin kan gaggeeffameedha,” ibsichi jedheera.  

Haleellaan kuni naannoo 9:15 A.M. iddoo too’annoo Haawtii jala jiru Sanaa, magaala guddoo Yamanitti kan gaggeeffame ta’uu ajajaa Ameerikaa kuni ibseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akka ibsa Ameerikaatti, doonii waraana galaanarraa Ameerikaa USS Carney jedhamu humna waraana galaanarraa too’achuuf oolu misaa’elli finciltoota Haawtiitiin gara doonii alaabaa Bahaamaa ofirraa qabdu Yuunitii Eksploorar jedhamtutti dhukaafamuu adda baaseera. Yeroo gabaabduu booda USS Carney diroonii misaa’elicha dhukkafte kana rukuteera.

Daqiiqaa 30 booda doonii tuni misaa’eelaan rukutamte. US Carney diroonii biraa lammataa rukutee lafaan dhaheera.

Dooniin alaabaa Paanaamaa ofirraa Number 9fi Soofii II lamaanuu misaa’eelaan rukutamaniiru. Number 9 hamma ta’e kan hubamte yoo ta’u Soofiyaa II garuu miidhaa cimaan irra gahe hin jiru. Dooniin warana galaanarraa Ameerikaa Carney jedhamu kuni diroonii biraa lammataa gara Soofii II imalaa ture rukuteera.

Akkasumas, meeshaan misaa’eela fashaleessuuf fayyadu Carney jedhamu kuni rookeetii Hamaas yeroo Israa’eelitti dhukaase hedduu fashaleesseera.

Dubbi-himaan Haawtiii Brig Jen Yaahyaa Saree haleellaawwan lmaan raawwachuu amaneera. Sareen dooniin waraanaa Ameerikaa jiraachuu wanti eeree garuu hin jiru.

“Humnoonni Yamanii hanga Israa’eel haleellaa obboleeyyan keenya Gaazaa keessa jiran irratti taasisaa jiru dhaabdutti dooniin Israa’eel Galaana Diimaafi Galoo Galaana Eden irra akka hin imalle dhoorkuu itti fufu,” Sareentu jedhe.

Dooniin yuunitii Eksploorar (Unity Explorer) jedhamtu kan dhalataa Inglizii biyya Israa’eel keessa jiraatu ta’uu eeruun Number 9 garuu kan dhaabbata Barnaand Skult jedhamuuti jedheera. Sofii II immoo kan dhaabbata Jaappaanii Kyowaa Kisen jedhamuti jedheera.

Ministeerri dhimma alaa Iraan gamasaatiin, haalli amma jiru yoo itti fufe nageenyi naannichaa kan sadrkaa yaaddessaatti kan galu ta’uu dubbateera.

Diiploomaatiin Iraan toko akka dubbataniitti, finciltoonni Haawtii, Hizboollaafi Hamaas Israa’eel waraanaa jiraachuuf ibseera.

Waraanni Israa’eeliif Haamaas gidduutti Gaazaatti gaggeeffamaa jiru qalbii biyyoota addunyaa hedduu hawwateera. Biyyoonni Arbaa hedduu Israa’eel haleellaa akka dhaabdu doorsisaa turaniiru. Haa ta’u malee, Israa’eel haleellaa itti fufteerti.

Israa’eel haleellaa waraana lafarraa kibba Gaazaatti taasisaa jirtu cimsitee itti fufteerti. Haleellaa halkan edaatiin namoonni 800 ajjeefamuu aanga’oonni Paalastaayin himan. AS

Related Articles

Back to top button