DALDALAODUU

Oduu: Walgahii dhaabbilee maallaqa addunyaa booda Itoophiyaan liqii maallaqa argatti jedhamee tilmaamama

Finfinnee Onkolooleessa 09, 2023 – Marii Dhaabbata Maallaqaa Idiladdunyaafi Baankii Addunyaa torban kana keessa Morokootti gaggeessuf jiran hordofee Itoophiyaafi biyyoonni rakkoo faaynaansiitiin gaaga’amaa jiran biroo liqii maallaqaa ni argatu jedhamee tilmaamaa jiraachuun gabaafameera.

Akka gabaasa Rooytarsiitti, kaayyoon marii Morokootti gaggeeffamuuf jiruu kuni rakkoo biyyoota hir’ina faaynaansiitiin gaaga’amaa jiranii furuu ta’uun eerameera. Itoophiyaa, Gaanaa, Keeniyaa, Misra, Libanoos, Tuuniziyaa, Paakistaan, Siriilaankaa, Yuukreeniifi Zaambiyaa biyyoota Afrikaa rakkoon hanqina maallaqaa ni furamaaf jedhamanii eegaman ta’uun ifoomeera.

Sababiin gaaga’ama maallaqa Itoophiyaa weerara Koroonaafi waraana Tigraay ta’uun eerameera. Dhiittaa mirga namoomaa waraana kaaba Itoophiyaatti raawwatame hordofuun carraa daldala qaraxarraa bilisaa Itoophiyaan argachaa turte akka hin arganne Ameerikaan ugguruu hordofeeeti.

Itoophiyaan sirreeffamni liqii maallaqaa akka taasifamuufi uggurri akka irraa kaafamu iyyachaa turuun ni yaadatama. Haaluma walfakkaatuun, Chaayinaan kafaltiin maallaqa liqii Itoophiyaa irraa qabdu hammi ta’e akka turu dhuma bara 2015 eeyyamtee ture.   

Carraan liqii maallaqa haaraa argachuu kuni kan dhufe qorannoo dhaabbanni dandeettii liqii biyyootaa baasu ifa taasise kan Itoophiyaa biyyoota dandeettii liqii deebisuu danda’an keessatti ramaduu hordofee ta’uun ibsameera. Ibsi dhaabbata kanaa Itoophiyaa biyyoota gaaga’ama dinagdee dandamachuun guddina galmeessisan keessaa tokko jechuun tilmaamee ture. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button