ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Walitti bu’iinsa Godina Guraagee magaalaa Walqixxeetti uumameen lubbuun namoota 4 darbe, hedduun madaa’aniiru

Finfinnee, Onkoloolessa 17/2023 – Naannolee biyyattii dhiyeenya kana hundeeffaman keessaa tokko kan ta’e Giddugaleessa Itoophiyaa keessatti godina Guraagee magaalaa Walqixxeetti walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namoota 4 darbuu fi namoonni hedduun madaa’uu gabaafameera. Akka jiraattonni naannichaa Addis Standarditti himanitti, dhuma torbee darbe Onkoloolessa 13 garaagarummaa bulchiinsa magaalaa Walqixxee fi Aanaa Addaa Qabeenaa gidduu uumameen walitti bu’iinsa uumame.

Jiraataan magaalaa Walqixxee maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanne tokko Addis Standarditti akka himetti, Jimaata darbe jiraattota magaalaa Walqixxee lama qarqara magaalattiitti namoota gareen ijaaramaniin haleelamuu hordofee walitti bu’iinsi kun akka uumame ibseera.

Haalli kun hammaatee Aanaa Addaa Qabeenaatti gareen hidhate haleellaa raawwachuun jiraattota naannoo sanaa akka malee miidhuu, saamuu fi qabeenya isaanii akka barbadaa’uu gochuu hime.

Bulchiinsa magaalaa Walqixxee faana walqabatee wal waldhabdeen yeroo dheeraa akka ture jiraatan kun Addis Standarditti himeera. Ka’umsi waldhabdee kanaa osoo naannoon haaraan kun hin hundeeffamiin durallee teessoo bulchiinsaa magaalaa Walqixxee fi aanaa Qabeennaa waliin kan walqabatu ta’uu hubachiiseera.

Jiraataan magaalattii miseensa nageenyaa ta’e tokko walitti bu’iinsa garee hidhatee fi humnoota nageenyaa gidduu uumameen lubbuun isaa akka darbe jiraataan Addis Standard dubbise himeera. Akkasumas guyyaa Onkoloolessa 15 jiraataan magaalaa Walqixxee tokko reebicha gara jabinaa garee hidhate kana irratti raawwatameen  qarqara magaalattiitti lubbuun isaa darbuu himeera.

Kana malees iddoo Qollaa Kabaadaa jedhamutti walitti dhukaasa tureen dhalattoonni Qabeenaa lama ajjeefamuu isaaniis jiraataan kun Addis Standarditti himeera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button