ODUUSIYAASA

Oduu: Paartileen Badhaadhinaa fi ABUT “haala walitti bu’iinsa uumuu danda’an kamiiyyuu waliin ittisuuf” waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 15/2024 – Paartii Badhaadhinaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) har’a Caamsaa 15, 2024 yeroo sadaffaaf magaalaa Maqaleetti marii siyaasaa gaggeessuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Marichaan qajeeltoo hariiroo paartilee gidduu kana dura irra ga’ame yaadachuun adeemsa ajandaa olaanaa marii adda baasuu xumuramuun, akkaataa duraa duuba ajandaalee hordofuun erga mari’atanii booda waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Erga waraanni waggaa lamaaf Naannoo Tigraayitti gaggeeffame Waliigaltee Nageenyaa Piritooriyaan goolabame booda hoggantoota paartilee lamaan yeroo lama Maqalee fi Finfinneetti marii siyaasaa gaggeessaniiru.

Ajandaan duraa nageenya waaraa mirkaneessuu waliin kan walqabatu yoo ta’uu, dhimmoota ijoorratti tartiibaan mari’achuun paartiileen lamaanuu nageenya waaraa mirkaneessuuf murannoon hojjechuuf waliigaluu isaanii FBCn gabaaseera.

Akka FBC gabaasetti, bakka bu’oonni paartilee lamaan [Badhaadhinaa fi ABUT] Walitti bu’iinsa tibbana Raayyaatti uumamee ilaalchisee bal’inaan mari’achuun, taatichi adeemsa nageenya waaraa mirkaneessuu eegalameen faallaa ta’uu waliigalameera.

Kana malees, dhimmoota kamiiyyuu karaa nagaa fi mariin furaa deemuuf qaamoleen lamaanuu qooda siyaasaa isaanii ba’achuuf murannoo qabaachuu, akkasumas hojiin kominikeeshinii kamiiyyuu qabiyyeewwan walitti bu’iinsa kakaasan irraa bilisa ta’uu akka qaban waliigalaniiru.

Dabalataan, haala walitti bu’iinsa uumuu danda’an kamiiyyuu waliin ittisuu fi yoo uumamanis saffisaan to’achuuf murannoon hojjechuuf, Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa hojiitti hiikuuf hojiileen hojjetaman caalmaatti akka milkaa’an haala siyaasaa mijataa uumuuf waliigalameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button