ODUUSEERA FI HAQA
Trending

Oduu: Hojjattoonni immigreeshinii 42 malaammaltummaatiin yakkaman too’annoo jala oolan

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2023 – Hojjattoonni dhaabbata immigreeshinii fi lammummaa malaammaltummaa fi aangoo seeraan ala fayyadamuutiin yakkaman 42 too’annoo jala ooluu poolisiin federaalaa beeksise.

Qorannoo fi hordoffii koreen waloo hojjattoota tajaajila nagaa fi odeeffannooo biyyaalessaa, Poolisii Federaalaa Itoophiyaa, Bulchiinsa Nageenya Hidha Odeeffannoo fi Tajaajila Immigreeshinii fi Lammummaatii of keessatti hammate taasise akka agarsiisutti, hojjattoonni yakkaman kunneen itti gaafatamummaa itti kenname  cinaatti dhiisuun tajaajila paaaspoortii kennuuf “gatii guddaa” gaafataniiru jechuun yakka malaammaltummaatiin shakkamuu ibsi poolisiin feederaalaa Onk 18, 2023 baase addeesseera.

Hojjattoonni dhaabbatichaa magaala Finfinnee fi naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Somaalee fi Beenishaangul Gumuz keessatti argaman 42 ta’an too’atamuu ibsichi addeesseera. Itti aanaa tajaajila immigreeshinii fi lammummaa obbo Taammiruu Ginbatoo Awaalsoo dabalatee Zamadkuuun Geetaachoo, Kadir Sa’iid Siruur, Aschaaloo Azzazoo, Abdullaahii Alii Mohaammad, Teewodroos Boggaalaa, Geetnat Ayyalaa, Jamaal Gadaa, Mulaat dastaa, Jilaaloo Bidruu, gannaat H/Maariyaam, Dagafaa Beekumaa, Wandifraa Shmallis, fi kanneen biroo too’annoo jala ooluu ifoomseera.

Yakkamtoonni kunneen yakkoota namoota lammummaa Itoophiyaa hin qabnee fi yakkamtoota akka hin geejjibne sanadnisaanii uggurameef paaspoortii fi Viizaa sobaa baasanii gurguraniiru jedhe. Kana malees, hojjattoonni biiroo dhimma hojjattootaa fi hawaasummaatii filamanii waan  ergaman fakkeessanii hojjattoota garaa biyyoota Arabaa erganiiru.

Qorannoo mana jireenyaa fi iddoo hojiitti shakkamtoota kanatti gaggeeffameen paaspoortii garaagaraa, nootii maallaqa biyyoota garaagaraaa, waraqaa eenyummaa sobaa, kaardii viizaa argamuu ibsichi beeksiseera.

Yakkamtoonni kunneen lammilee biyyoota biroo wajjiin hariiroo uumuun Finfinnee fi naannolee Oormiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Somaalee fi Beenishaangul Gumuz keessatti caasaa diriirsuun malaammaltummaa raawwachaa turaniiru jedhe.

Caasaa fi hojimaatni xaxamaa hojjattoonni kunneen diriirsan lammiileen haala salphaa, gatii gadi bu’aa fi saffisaan tajaajila akka hin arganne taasiseera jedhe. Yakka kanaan galii mootummaan galii sharafa allaa miliyoonaan lakkaa’amu dhabsiisaniiru jedhe. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button