DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Aanaa Gooroo Doolaatti barnoonni baranaa hin eegalleen walqabatee barattoonni 52,000 ol barnootaan ala ta’uu himame

Finfinnee, Amajjii 12/2024 – Caaseffama haaraa mootummaan naannoo Oromiyaa ifoomseen walqabtee mormii uummataa godina Gujii aanaa Gooroo Doolaafi aanaa Liibanitti uumameen manneen barnootaa godina Gujii aanaa Gooroo Doolaa “guutumaan guututti” hanga ammaatti hojii hin eegaliin turuu fi barattoonni 52,000 ol ta’an barnootaan ala ta’uu barattoonniifi barsiisonni aanichaa himan.

Caaseffamaan haaraa kana mormuun aanaa Gooroo Doolaafi aanaan Liiban keessaa gandoonni jaha ijoolee isaanii gara mana barumsaatti erguu diduu hordofuun manneen barnootaa hojii baruufi barsiisuu ALI bara 2016 addaan kutanii jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.

Jiraataan magaala Gooroo Doolaafi mana barnoota magaala Gooroo Doolaa keessatti argamu keessatti barsiisaa ta’uu kan himu Addis Standard’tti akka himetti, manneen barnootaa barattoonni akka gamaa’aniif waamicha haa taasisaan malee barataan dhaqee galmaa’e hin jiru jedheera. Kanaafuu, manneen barnootaa lakkoofsaan 80 ol ta’an hojii dhaabun barabataan gara 52,000 ol ta’u barumsa bara 2016 addaan kuteera.

Manneen barnootaa “guutuummaan guutuutti” hojii waan dhaabaniif adeemsi baruufi barsiisuu bara 2016 keessa aanichatti kan hin eegalamin ta’uu jiraataan kuni himeera.

Akka barsiisaan kuni jedhuttti, hawaasni aanichaa tokkummaan caaseffama haaraa mootummaan naannoo Oromiyaa baase tokkummaan mormuuf ijoolee isaanii mana barumsaa irraa hambisaniiru

Uummanni aanichaa caaseffama “Manneen barnootaa hin banamne. Hojii baruufi barsiisuu tokkoyyuu hin jiru,” barsiisichatu jedhe.

Haaluma wal fakkaatuun, buuufataaleen fayyaa 26 aanicha keessa jiran keessa jaha tajaajilaa kennaa hin  jiran jedheera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Eejjannoo hawaasa naannichaa kana booda maal ta’uu danda’a gaaffii jedhu yeroo deebisutti, uummanni naannichaa gaaffiin keenya hanga deebi’utti hin barannu eejjannoo jedhu kan qabu ta’uu jiraataan kuni eereera.

Mootummaan naannichaa dhaabileen garaagaraa maqaa isaanii akka jijjiiran dirqisiisaa jiraachuu eeruun waldaan amantoota Beeteel makkaanaYasuus taappeellaa dura ture jijjiiruu hordofuun mormiifi qoodamni amantoota gidduutti uumamuu jiraataan kuni himeera.

Barsiisaa mana barumsa Gaara Qalloofi jiraataa magaala Gooroo Doolaa biraa Addis Standard dubbise manneen barnootaa hojii dhaabuufi barattoonni 50,000 ol ta’an barnootaan ala ta’uu mirkaneessuun 

Akka jiraataan kuni jedhutti, manneen barnootaatiin alatti dhaabbilee mootummaaa biroo hedduu tajaajila kennaa hin jiran. “Tajaajilli hawaasaa kamiyyuu aanaa Gooroo Doolaa kessatti yeroo ammaatti dhaabbateera,’ jiraataatu jedhe. Kana malees, mormiin kuni “mormii uummata bal’aati” yaada jedhu kennaniiru.

“Aang’oonni mootummaa godina [Gujii] irraa ergaman barnootaafi tajaajiloota biraa eegalsiisuuf yaalii taasisaa turuu himuun mormii hawaasaa itti cichee waan mormeef ta’uurraa kan ka’e hin milkoofne,” barsiisaatu jedhe. 

Magaala Gooroo Doolaatti barataa mana barumsa sadarkaa lammaffaa akka himetti, uggurri barnootaa kuni mormii caaseeffama haaraa godina Gujiitiin kan walqabatu ta’uu hima. “Sababa mormii lagannaa kanaatiin barnoota keenya dhaabnee argamna. Kuni dhiibbaa guddaa jireenya keenya irratti qabaachuu ni beekna. Garuu mormii kanatti hirmaachuu qabna,” baratichatu jedhe.

Gaaffiin caaseeffama haaraa kanaan walqabatee uummanni kaasu hanga deebi’utti qabsoon kan itti fufu ta’uu barataan kuni eereera.

Dhimma kanaan walqabatee odeeffannoo argachuuf iiti aanaa biiroo nageenyaa godina Gujii Obbo Girjaa Uraagoo ‘haalli aanaa Gooroo doolaa keessa jiru nagaadha” jechuun alatti dhimma barnootaa, fayyaafi tajaajilli biroo irratti yaada kennuu irraa of qusataniiru. Yaaliin aanga’ootaa godinichaafi aanaa Gooroo Doolaa biroo dubbisuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Mootummaan naannoo Oromiyaa caaseeffama godinaaleefi magaalota haaraa yeroo ifa taasisetti godinni Gujii Bahaa akka goodina Boorana Bahaatti akka caaseeffamu murtee dabarsee ture.

Haa ta’u malee, murtii caaseeffama haaraa mootummaan naanno Oromiyaa dabarse hordofuun, jiraattonni godina Gujii Bahaa karaa garaagaraatiin mormii gaggeessaa turaniiru. 

Mormii jiru karaa mariidhaan furuuf bakka bu’oonni hawaasichaa mootummaa naannoo Oromiyaa waliin mari’ataniiru. Haa ta’u malee, hanga ammaatti waliigalteerra gahuu hin dandeenye.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Piroofeesara Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’an akkasumas hogganaa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Piroofeesar Mararaa Guddinaa dhimma kana ilaalchisee yaada kanaan dura Addis Standardiif laataniin, murtee mootummaan naannoo Oromiyaa godina haaraa irra deebiin gurmeessuuf murteesse kaayyoo siyaasaaf malee dhimma bulchiinsa miti jedhan.

“Waraanni Bilisummaa Oromoo Kibba Oromiyaa keessatti bal’inaan kan socho’u naannoo Booranaa fi Gujiitti waan ta’eef kan irratti hundaa’ee paartiin biyya bulchu waldhabdee obboloota Gujii fi Booranaa gidduutti godhuun sochii isaa laaffisuu barbaada,” jechuun Pirof Mararaan dubbatan. AS

Related Articles

Back to top button