ODUUSIYAASA

Oduu: Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame ni deeggarra: Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa

Finfinnee, Amajjii 11/2024 – Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa waliigaltee wal-hubannaa dhimma ulaa galaanaa irratti Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame “garaagarummaa tokko malee” akka deeggaru beeksise.

Manni marichi ibsa kaleessa baaseen, “bu’uura, qabiyyee waliigaltichaa akkasumas carraawwanii fi balaawwan waliigaltichaan walqabatan irratti bal’inaan erga mari’annee booda, waliigalticha garaagarummaa tokko malee akka deeggarru mirkaneessineerra,” jedhe.

“Balaa fi carraawwan keessoo fi alaa gama hojiirra oolmaa isaatiin jiran irratti bal’inaan mari’anneerra,” kan jedhe manni marichi, “bu’a qabeessummaa waliigaltichaaf waliin dhaabbachuun gahee keenya ba’uuf waadaa galle irra deebiin mirkaneessina” jedheera. Mootummaa, paartilee siyaasaa fi hawaasni biyyattii marti gahee isaanii akka bahatanis waamicha dhiyeesseera.

Amajjii 01, 2024 Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pireezdaantii Somaalilaand Musee Bihii Abdii waliigaltee wal-hubannaa Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km humna galaanaa itti ijaarrattu akka qabaattu taasisuufi Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa argamsiisu mallatteessuun isaanii ni yaadatama. 

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa yeroos baaseen, “waliigaltee seena qabeessa kanaan Itoophiyaan humna galaanaa isheetiif ulaa galaanaa akka argattu kan mirkaneessu yoo ta’u, deebiidhaan ammoo Rippabiliika Somaalilaandiif beekamtii akka kennituu waliigaluun keenya biyya keenyaaf milkaa’ina dippilomaasii guddaati, ” jedheera. AS

Related Articles

Back to top button