DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaafi Raashiyaan omisha xaa’oorratti mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 03, 2024 – Ministeerri daldalaafi misoomaa Raashiyaa dhimma omishaafi dhiyeessii xaa’oorratti ministeera qonnaa waliin mari’achuun gabaafame.

Koreen itti aanaa ministeera daldalaafi misooma Raashiyaa Mikaahiil Yuuriin durfamu Itoophiyaa dhufuun haala tumsa omiishaafi dhiyeessii ministeera qonnaa IToophiyaa waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lameen haala haala omishaafi dhiyeessii xaa’oo itti guddisaniifi akkaataa “xaa’oo Itoophiyaa keessatti omishuun itti danda’amurratti” mariataniiru.

Itti aanaan ministeera misoomaafi daldala Industirii Raashiyaa Raashiyaan gama omishaafi dhiyeessii xaa’ootiin Itoophiyaa  “cinaa kan dhaabbattu” ta’uu maricharratti himaniiru.

Miiteerri ministeera qonnaa Girmaa Amantee (PhD) fi iti aanaan ministeerichaa Soofiyaa Kaasaa (PhD) fi hoggantoota biroo biiroosaaniitti koricha simatachuun haasofsiisaniiru.

Marichi Teeknoolojiifi muuxannoo omisha xaa’oo Raashiyaan qabdu Itoophiyaaf qooduun kaayyoo marichaati jedhame.

Hanga Ebla 2016 ALI koreen teeknikaa dhiimma kana gaggeessuu ijaaramee karoorri hojiimaata kanaa qophaa’ee kan xumuramu ta’uu Girmaan ibsaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Rakkoon dhiyeessii xaa’oo hojii qonnaa waqtiileee darbee garmalee hubuu Addis Standad gabaasee ture. Kun maal haa ta’u malee, qonnaan bultoonni guutuu biyyattii keessatti jireenyi isaanii qonna jireenyaa irratti hirkate, sabab hanqina dhiyeessii xaa’ootiin waqtiidhaan midhaan facaafachuu dhabuun rakkoo omisha miidhaanii hamaadhaan saaxilamanii ture.

Rakkoon hir’ina xaa’oo kuni hir’ina sharafa alaa, malaammaltummaafi daldala seeraan alaatiin kan walqabatu ta’uu xiinxalli Addis Standard hojjatee kuni agarsiisee ture. Mootummaan Itoophiyaa xaa’oo bituun gara biyyaa galchaa jiraachuu haa himu malee rakkoon hir’ina xaa’oo kanaan dura mudate kuni waqtiilee itti aananitti ni furama moo ittuma fufa gaaffiin jedhu hin deebine. AS

Related Articles

Back to top button