DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA

Oduu: Ameerikaan duula fanjii awwaalamaa fashaleessuurratti Itoophiyaa tumsaa jiraachuu ibsite


Finfinnee, Amajjii 16, 2024 – Ameerikaan fanjii awwaalamaafi kuusa meeshaalee waraana fashaleessuufi dhabamsiisuu irratti Itoophiyaa tumsaa jira jette. Duulli kuni Amajjii 15 – 19, 2024’tti gaggeeffamaa jira jedhame.

Fanjii awwaalamaafi meeshaalee waraanaa gurguddoon lola biyyattii keessatti gaggeeffameen walqabatee dirreerratti hafan lammiilee nagaa ajjeesaafi qonnaanbultoonni lafasaanii akka hin qonne taasisaa jiraachuu ibsi Itoophiyaatti qoonsilli Ameerikaa baase addeesseera.

Haftee meeshaalee waraanaa kunneen nageenya booressaa, maatiilee sodaachisaafi adeemsa waraanaa hiikachuu danqaa jiraachuu ibsichi eereera.

Rakkoo kana furuuf Itoophiyaatti qoonsilli Ameerikaafi dippaartmantiin waraanaa Ameerikaa humna Raayyaa Ittisa Itoophiyaafi  waajjira boombii fashaleessuu Itoophiyaa waliin tumsuun hojii fanjii fashaleessuu Amajjii 15 hanga 19, 2024’tti kan gaggeessuu ta’uu eerameera.

Humna waraana Ameerikaatti kutaan meeshaalee waraana fashaleessuufi dhabamsiisuu RIB Itoophiyaa waliin ta’uun qoo’annaa dirree taasisuun hammi meeshaalee dhuka’an kanneenii meeqa akka ta’e safaruu ni hojjatama. Kaayyoon qoo’annaa dirree kanaa nageenya lammiilee fooyyeesuufi omisha qonnaa guddisuu ta’uu eerameera.

Kaayyoo ijoon duula kanaa waajjira boombii fashaleessuu leenitoota Itoophiyaa meeshaalee duula kanaaf barbaachisan waliin wal barsiisu yoo ta’u ji’oottan jahan itti aananii dhufan keessatti garuu hojiiin meeshaalee barbaachisan dhiyeessuu, leenjii kennuufi qabeenya dabalataa dhiyeessuun ni gaggeeffama.

Itoophiyaafi Ameerikaan waggootta 120 oliif seektaroota fayyaa, barnoota, qonnaafi wabii nyaataa, saayinsiifi naannoo, nageenyafi kanneen biroo hedduutiin tumsaa turuu ibsichi yaadachiiseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button