DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Aanaaleefi magaalonni Oromiyaa garaagaraa milishoota haaraa eebbisiisaa jiraachuu ibsan

Finfinnee, Amajjii 16, 2024 – Finfinnee dabalatee aanaaleefi magaalonni naannoo Oromiyaa garaagaraa miseensota milishaa haaraa eebbisiisaa jiraachuu ibsan.

Aaanaleefi magaalonni kunneen milishaa leenjisaafi eebbisiisaa jiraachuu karaa miidiyaalee hawaasaatiin ifoomsaniiru.

Godina Jimmaa aanaa Geeraa bakka aanga’onni mootummaafi paartii badhaadhinaa argamaniitti milishaa haaraa tibbana leenjisiisaa ture eebbisiisuu ibseera. Akkasumas, godina Gujii magaalaa Bulee Horaatti Milishootni Leenjii ogummaa fudhataa turan eebbifaman

Godina Arsii Aanaa Jajuutti milishoota 267 ta’an “leenjii dandeetti raawwachiisummaa, loltummaa fi siyaasaa” guyyoota 25f fudhatan eebbisiiseera jedhe.

Haaluma walfakkaatuun, Godina Jimmaa aanaa Nadhii Gibee dandeettii raawwachiiftummaa milishootaa leenjii kennaa jiraachuu addeesseera. Kana malees, godina Booranaa aanaa Yaaballootti sagantaan eebbi milishaa leenjii xummuran gaggeeffamee jira.

Godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Bal’ootti leenjiin milishaa Leenji’aa marsaa tokkoffaa xumramuu ifoomse. Godina Jimmaatti aanaa Saqqaa Coqorsaatti milishoonni 200 ol leenjii tooftaa loltummaa fi heera biyyattirratti fudhachaa turan eebbisiiseera jedhe.

Bulchiinsa magaala Finfinneetti biiroon nageenyaafi tasgabbii humnoota “tika nageenyaa” guyyootaaf leenjise jedhe 11,000 ta’an eebbisiisuu beeksise. Leenjitoonni kunneen leenjii “xiinsammuu fi tika dirreetiin” kan leenjifaman ta’uu ibsi biiricha addeesseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haa ta’u malee, miseensonni milishaa fi “gaachana sirnaa” jedhaman kunneen kanaan dura turan uummata nagaarratti dararriifi roorroo geessisaa turuu jiraattota aanaaleefi godinoota Oromiyaa garaagaraa wabeeffachuun Addis Standard gabaasee ture. AS

Related Articles

Back to top button