DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Abbootii sochii hundeeffama Sinodoosii Oromiyaa keessa jiran torba mana jireenya isaanii irraa fudhatamanii hidhaman

Finfinnee, Hagayya 30/2023 – Abbootiin mana amantaa Ortodoksii keessatti hundeeffama Sinodoosii Oromiyaa keessa hirmaachaa jiran torba fi dargaggoota isaan gargaaraa turan wajjiin kaleessa Hagayya 29, 2023 halkan sa’aatii 2tti mana jireenya isaanii magaalaa Bishooftuutti argamu irraa fudhatamanii hidhaman. 

Dubbii himaan Sinoodoosii Oromiyaa kan ta’e barsiisaa Haayilamikaa’el Taaddasaa Addis Standarditti akka himeetti, “abbootiin kunneen kaleessa galgala mana jireenya isaanirraa poolisootaan fudhatamuun kutaa magaalaa Dhibaayyuu waajjira poolisii aanaa Dhakabooraatti hidhamanii argamu,” jedhe.

Abbootiin hidhaman kunneen maqaa muudama “Sinoodoosii Oromiyaa” irraa isaaniif kennameen Abuna Barsumaa, Abuna Alaazaar, Abuna Uraa’eel, Abuna Minaas, Abuna Daani’eel, Abuna Niqoodimoos fi Abuna Daksiyoos kan jedhaman ta’uu himeera. Dargaggoonni isaan gargaaraa turan ammoo waajjira Poolisii toora Sarkilii jedhamutti hidhamanii kan argaman ta’uu himeera.

Itti dabaluun, “isaan qunnamuuf yaallee nuuf milkaa’uu hin dandenye. Irra deebiin akka Abukaatootti isaan qunnamuuf yaalluus nuuf hin milkoofne, nu dhorkaniiru. Sababa ittiin seera jalaa oolfamanis yeroo gaafannu deebii nu hin kennine. Garuu qaamoonni dhimmi ilaallatu marii gaggeessaa jiru, yeroo dhiyoo keessatti ni gadhiisuu jennee eegna,” jedhe.

Tuutni Angafa Phaaphaasota Abuna Saawiroosin durfamu Qulqulluu Sinoodoosii Ortodoksii Itoophiyaa waliin araara buusuu hordofee abbootii amma hidhaman kunneen dabalatee abbootii naannoo Oromiyaa keessatti hojii wangeelaa akka hojjetan ramadaman gara Sinoodoosii Itoophiyaatti deebi’uun gita hojii duraan itti hojjechaa turanitti deebi’uu mormaa turuun isaanii ni yaadatama.

Haala kanaan magaalaa Finfinnee keessatti taa’uun sochii isaanii itti fufuuf yaalii taasisanis “dhiibbaan waan irra gaheef” magaalaa Bishooftuutti mana kireeffatanii taa’uu erga jalqaban torban sadi ta’uu odeeffannoo dubbii himaa Sinoodoosii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button