ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: “Namoota konkolaata keessa turan akka bu’aniifi hiriira galan ajajuun rasaasa itti roobsanii ajjeessan” – Jiraataa Aanaa Giddaa Ayyaanaa

Abdii Biyyansaa  @ABiyenssa

Finfinnee, Fulbaana 16/2023 – Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Diinchoo jedhamutti hidhattootni Amaaraa “Faannoo” ofiin jedhan haleellaa imaltoota irratti raawwataniin lubbuun namoota nagaa hedduu darbuu jiraattotni, maddeen hospitaala fi Kominikeeshiniin Aanaa Giddaa Ayyaanaa Addis Standarditti himaniiru. Maddeen hospitaala Addis Standard dubbise lakkoofsi namoota du’an 5 ta’uu himuus, miidiyaa hawaasaa garagaraa irratti miseensota maatii tokko dabalatee lubbuun namoota 30 ol darbuu himameera.

Jiraataa Aanaa Gidda Ayyaanaa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate Addis Standarditti akka himetti namootni kun boo’icha nama guyyaa tokko dura miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaan ajjeefame gahuuf Angar Guutee irraa ka’uun konkolaataa tokkoon osoo deemaa jiranii hidhattoota kanaan ajjeefamu hime. 

“Guyyaa Kamisa Fulbaana 14, 2023tti miseensonni Rayyaa Ittisa Biyyaa magaalaa Giddaa Ayyaanaa keessa konkolaachisaa Mohaammadoo Mohaammad jedhamu tajaajila akka isaaniif laatu gaafatanii inni beellama biraa akka qabu itti himnaan walitti bu’iinsa gidduu isaanii uumameen miseensonni RIB gara iddoo Qoree jedhamutti geessuun rasaasaan ajjeesan. Haleellaa kanaan barsiisaa Abarraa Abdiisaa fi qotee bulaa Immiruu Toleeraa jedhaman miidhamaniiru,” jedhe.

Haaluma kanaan boo’icha nama ajjeefame kana gahuuf namoota 30 ol konkolaataa tokkoon Angar Guutee irraa gara Giddaa Ayyaanaatti imalaa turan ganama naannoo sa’aatii 2:00 hanga 4:00 gidduutti bakka Andoodee Diichoo jedhamutti hidhattoota “Faannoo” jedhamaniin dhaabsifamanii haleellaan kun irratti raawwatamuu himeera.

Jiraataa aanaa Giddaa Ayyaanaa kan biraa yaada isaa Addis Standarditti laateen, “bakka kanatti hidhattootni Faannoo fuula isaanii haguuggatan namoota konkolaata keessa turan akka bu’an ajajan. Dhiirota Qeerroo fi namoota gurguddaa hiriira akka galan ajajanii rasaasa itti roobsan” jedhe. Itti dabaluunis, “Konkolaataan kun akka teessuma idilee isheetti namoota 24 qabatti garuu namoonni boo’icha kanaaf deeman baay’een isaanii dhaabbatanii turan, walumaagalatti namoota 30 ol keessa turan, namoonni hedduus achi buuteen isaanii hin beekamne,” jedhe.

Jiraattotni Addis Standard dubbise kunneen namoota hagana du’an jechuu baataniis miidiyaa hawaasaa irratti miseensota maatii tokko dabalatee namootni 30 ol ajjeefamuu gabaafameera. Akka jiraattotni kun jedhanitti ajjeechaa kaleessa ganama raawwatame hordofee magaalittii keessa hiriira mormii gaggeeffameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hospitaala Giddaa Ayyaanaatti ogeessa fayyaa kan ta’e maqaan isaa dhokfamu gaafate yaada Addis Standardiif kenneen, “namoonni 11 wal’aansaaf hospitaala Giddaa Ayyaanaatti seenaniiru, Kana keessa namoonni 5 du’an. Namoonni konkolaataa sana keessa turan baay’een isaanii achi buuteen isaanii waan hin argamneef gara mana yaalaa kannatti wal’aansaaf hin dhufne,” jedhe.

Namoonni ajjeefaman kunneen Bilaashittii Jiboo, Baabuu Hajii, Amiin Nuuruu,Taajii Nuuruu fi Tolaa Nuuruu (obboloota maatii tokko) ta’uu himeera.

Itti gaafatamaan waajjira Kominikeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa, Waaqgaarii Gudayyaa, “hidhattoonni Faannoo irra deddeebiin gocha shororkeessummaa, reebicha, saamicha fi miidhaa qabeenya irra gahuu dabalatee yakkoota garagaraa raawwachaa turan” jedhe. Akkasumas, Poolisii naannoo sanaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa garee hidhattoota al idilee “faannoo” jedhaman kana hordofuu irraa akka jiran himan.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) haleellaa kanaan lubbuu namoota 31 darbuu ibsuun, ajjeechaa suukkanneessa kana ilaalchisee ibsa baaseen, “uummata nagaatti maqaa adda addaa maxxansuun hidhanii hiraarsuun, ajjeesanii bosonatti gatuun bineensa nyaachisuu, qe’ee fi qabeenya ibiddaan daaressuu, addabaabaayiitti baasanii ajjeesuu, haadholii fi shamarran osoo hin hafne wal irratti gudeeduu, akka looniitti namoota nagaa to’atan ummata fuulduratti baasanii reebuun qaanessuun gochi lammiilee Oromiyaa irratti raawwataa turanii fi jiran yakka ulfaataa cabiinsa Oromoon asitti mul’atee fi dhaga’amee hin beekne bara bulchiinsa abbaa irrummaa paartii Badhaadhinaa waggoota shanii kana keessa mul’ateedha” jedhe. 

Kana malees, “hawaasni idil-addunyaa, biyyootnii fi mootummootni darbees dhaabbattootni mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa dabalatee, biyya mootummaan paartii PP bulchu jalatti, qaamota nageenyaa sirnichaan dhumaatii jumlaa ummata nagaa irratti raawwatamaa jiru kana akka balaaleffatan, gocha kana irraa akka dhaabbatuufis dhiibbaa feesisu akka irratti godhan, ummata bifa kanaan miidhamee fi miidhamaa jiru, qe’ee ofii irraa buqqa’ee dirreetti faca’eef tumsaa fi gargaarsa feesisuuf akka godhan” waamicha dhiyeesseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button