ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Manni Murtii Artisti Lij Yaareed gara mana amala sirreessaa akka bu’u ajaja dabarse

Finfinnee, Onkoloolessa 18/2023 – Artisti Yaareed Zalaalam Baalchaa ykn Lij Yaareed jedhamuun beekamu himannaa irratti dhiyaateen gara mana amala sirreessaatti akka bu’u Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddacha Farra Shororkeessummaa fi Dhimmoota Heera-mootummaa 1ffaa ajaje. 

Akka FBC gabaasetti, Abbaan Alangaa Komeediyaan Lij Yaareed irratti yakkoota kabaja fi maqaa gaarii Mana Kiristaanaa fi namootaa xureessuu, akkasumas haasaa jibbiinsaa taasisu jedhuun himata irratti dhiyeesseera. 

Manni murtichi himatamaan himatichi erga isa qaqqabee booda iyyata mirga wabii dhiyeesse kufaa taasisuun mana amala sirreessaa taa’ee dhimma isaa akka hordofuu ajajeera.

Haata’u malee Abbaan Alangaa kabaja Mana Kiristaanaa, haamilee fi duudhaa hawaasaaf jecha qabxiilee guutuu himaticha irratti dhiyaatan akka hin maxxanfamne fi miidiyaa irratti akka hin dhiyaanne, akkasumas adeemsa dhaddacha cufaan akka raawwatamu iyyateera.

Manni  murtiis iyyannoo kana qorachuun qabxiilee himatichaa guutummaadhaan miidiyaa irratti akka hin dhiyaanne fi dhaddachi cufaan akka itti fufu ajaja dabarseera. AS

Related Articles

Back to top button