ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Hidhaarra kan argamtu qabsooftuu mirgaa Iraan Naargees Mohaammadi badhaasa Noobeelii Nagaa injifatte

Finfinnee, Onkoloolessa 06/2023 – Hidhaarra kan argamtu qabsooftuu mirga namoomaa Iraan kan taate Naargees Mohaammadi badhaasa Noobeelii Nagaa bara 2023 injifachuu ishee ifa ta’e. Sagantaa nama badhaasa kana injifate ifoomsuu har’a Noorweey Oslootti gaggeeffameera.

Namoota ykn dhaabbilee nagaa mirkaneessu irratti gahee qabanii fi nagaaf hojjetaniif beekamtii kan laatu badhaasa Nagaa Noobeelii baranaa irratti namoota 259 fi dhaabbilee 92; waliigalaan kaadhimamtoota 351 dhiyaatanii turan.

Kaadhimamtoota kunneen keessaa hidhaarra kan argamtu qabsooftuu mirga namoomaa Iraan kan taate Naargees Mohaammadi badhaasa Noobeelii Nagaa bara 2023 injifachuushee koreen Noobeelii har’a ifoomseera. Naargees Mohaammadi, Iraan keessa cunqursaa dubartoota irratti gahu irratti qabsaa’u ishee fi mirgoota namoomaafi bilisummaa hundaaf akka ta’u falmii taasiste badhaasa kana akka injifattu taasisuu ibsameera.

Yeroo ammaa kana Iraan keessatti hidhamtee kan argamtu Naargees Mohaammadi, dhaabbata falmaa mirga namoomaa Iraan tokko keessatti hoggantuu itti aantuuti. Falmii cimaa taasisteenis si’a 13 hidhamtee si’a shan irratti murtaa’eera. Kanaanis waliigalaan hidhaa waggaa 31 fi reebicha qaccee 154 irratti murtaa’eera.

Yeroo ammaa kana Naargees hidhaa waggaa 12 irratti murtaa’ee Teehraan keessa mana hidhaa Iviin keessatti akka argamtu gareewwan falmitoota mirga namoomaa biyyattii beeksisaniiru. 

Injifataan badhaasa Noobeelii baranaa badhaasa gatii dolaara kuma 990 qabu akka argatan sagantaa har’a gaggeeffame irratti ibsameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button