DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Dhiibbaa mootummaa irraa kan ka’e “sirnaan” hojjechuu hin dandeenye: KMNI

Finfinnee Muddee 08, 2023 – Koreen Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) qormaata qaamolee mootummaa irraa na mudachaa jiru irraa kan ka’e hojii idilee sirnaan gaggeessuu rakkachaa jiraachuu hime. Qaamooleefi dhaabbilee mootummaa irraa odeeffannoo gahaa argachaa hin jiru jedheera.

KMNI ibsa Adoolessa 27, 2016 baaseen odeeffannoo fi ragaa dhaabbilee mootummaa mootummaa federaalaafi naannoo garaagaraa dhimmi isaan ilaallatu irraa eeyyama fi deeggarsaa argachaa hin jiruu jedheera. Haalii kun hojiiwwan hordofii fi qorannoo gaggeessu Kenya danqeerra jedha.

Dhaabbileen akka ministeerri raayyaa ittisa biyyaa, Biiroo Sab-qunnmatii Poolisii Magaalaa Finfinnee fi ministeerri nageenyaa xalayaa xalayaa KMNI dhiyeesse fudhachuufi deebii laachuuf fedhii hin qaban jechuun qeeqeera.

Akkasumas, manneen sirreessaa, buufataalee poolisii federaalaafi magaalaa Finfinnee, manneen sirreessaafi buufataalee poolisii naannoo Oromiyaa keessa jiran daawwachuu akka hin dandeenye hubachiisaniiru. Kun qorannoo sarbiinsa mirga namoomaatti qormaata ta’uu hubachiisaniiru.

Kana malees, KMNI irra deddeebiin dhiittaa mirga namoomaa hamaa gaazexeessitoota, miseensotaa fi hoggantoota paartilee mormitoota seeraan ala Awaash Arabaatti hidhamanii jiran irratti raawwatame jedhe. Hidhamtoonni kunneen miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa, miseensota Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi namoota dhuunfaa biroo irratti raawwatamaa jiru hordofuufi qorachuuf eeyyama gaafachaa turuu eeruun eeyyama argachuu hin dandeenye jedheera.

Qaamoleen mootummaa federaalaafi naannooleen odeeffannoo kennuun itti gaafatamummaa isaanii akka bahan akeekkachiiseera.

Mootummaan shakkamtoota Awaash Arbaatti hidhamanii jiran gara buufata poolisii idilee ykn mana sirreessaatti deebisuufi gaaffilee KMNI bakka tursiisaa al-seerummaa ta’e daawwachuuf dhiyeesse deebii sirrii akka laatmuufi gaafateera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button