GULAALLISIYAASA
Trending

Gulaallii: Rakkoo nageenyaa Oromiyaa fi Amaaraa mariidhaan hiikuun filannoo miti; nageenya biyyaalessaa tiksuudha

Finfinnee – Mariin marsaa lammaffaa nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Biisummaa Oromoo (WBO) gidduutti ji’a darbe keessa eegalamee ture Oromiyaa keessatti qofa osoo hin taane guutuu biyyattittii waliigaltee waraana dhaabuurra gahamee waraanaa lubbuu namaafi jireenya namootaa kan hawaasni idiladdunyaa sirriitti quba hin qabne ni goolaba jedhamee eegamaa ture.

Gaggeesitoonni olaanoon garee lamaanii maricha irratti qaamaan hirmaachuuniifi taajjabdoonni amanamoo ta’an marichatti affeeramuun isaanii qofti bu’aa barbaadamu ni argamsiisa habdii jehdu uummata Oromiyaafi namoota garee lamaani miliyoonaan lakkaa’aman keessatti abdii uumeera.

Haa ta’u malee, haala miliyoonota mufachiiseen, mariin Taanzaaniyaa, Dar es Salaam kan torban lamaaa oliif gaggeeffamaa ture milkii malee xumurmuu ibsi qaamoleen lamaan baasan akka agarsisetti qaamoleen kunneen marii kana itti fufuun sarbiinsa mirga namoomaa kan waggaa shan dura eegale furuuf eeyyamamoo akka hin taane mul’iseera.

Tarkaanfiin cimaan yoo hin fudhatamne malee, mootummaanis ta’e WBOn wal irratti injifannoo waraanaa murteessaa ta’e galmaan ga’uu waan hin dandeenyeef, waraanni Oromiyaa keessa jiru haala gara fuulduraatti tilmaamamuu hin dandeenyerra jira.”

Qaamoleen lamaan walii isaanii yakkaa turaniiru. Mootummaan WBO dhaaba “amala isaa hin foyyeeffannee” fi “gaaffii dhugoomuu hin dandeenye” gaafatuu dha yeroo jedhu WBOn immoo mootummaan “hoggantootaaf aangoo laachuu” malee haala qabatamaa ta’een gaaffii siyaasaa deebisuu hin barbaadu jechuun ymootummaa yakka.

Kanas ta’ee sana, battala marichi gaggeeffamaa turetti ololli mootummaan WBO irratti gaggeessaa ture marichaa irratti kaayyoofi kutannoo inni qabu irratti shakkisiisaa ta’uu akkuma mariichi milkii malee goolabameen haasaa miidiyaa hawaasaarraa naanna’aa ture agarsiiseera. Kana malees, gochaa hololaa kana wajjiin battaluma mariin nageenyaa gaggeeffamaa turetti duulli waraanaa cimee lubbuu namootaa fi qabeenyi barbadaa’e.

Xiqqaatu lammiileen nagaa 100 godinoota Arsii, Hprrp Guruu, Wallagga Lixaafi Bunoo Baddalleetti marichi xmuramee torban lamaan darban keessatti ajjeefamaniiru. Gareen lamaan wal yakkuu itti fufaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waraanni babal’chaa dhufuun dararrii lammiilee nagaa irra gahu hammeessuufi rakkoo hawaas-dinagdee hammeessuu malee bu’aa biraa kna hin qabne ta’uu ragaaleen kunneen ni agarsiisu. Tarkaanfiin murteessaan hin fudhatmu taanaan, waraanni Oromiya keessa jiru moo’icha garee tokkootiin hin goolabamu waan ta’eef of duratti rakkoo hammeessuu itti fufa. 

Waraana Oromiyaa xumuruuf waliigaltee waraana dhaabuurra gahuu dhabuun waraanni hidhattoota Faannoofi mootummaa gidduutti naannoo Amaaraa keessa jiru akka itti fufu taasisa.

Waraana kana karaa nagaatiin xumuruu dadhabuun fedhii uummanni Oormoo nagaaf qabu qofa osoo hin taane nageenya biyyaalessaa biyyattii irratti dhiibbaa gudda qaba. Biyya balaa uumamaa, weerara dhibeefi qaala’iinsa jireenyaatiin raafamaa jirtu keessatti karaa nagatiin waraana dhaabuun filannoo osoo hin taane dirqamadha.

Waraana Oromiyaa mariin furuu dadhabuun waraanaa n]mootumaafi hidhattoota Faannoo gidduutti naannoo Amaaraatti gaggeeffamaa jiru irratti olaanaa qaba. Ji’oota saddeet qofa keessatti qofa gaaga’ama hammaataa lammiilee nagaarratti qaqqabsiiseera.

Mootummaan hokkora jiru to’achuufi nagaafi tasgabbii buuseera haa jedhu malee erga Ebla 2023 keessa waraanni naannoo Amaaraa eegalee hidhattoonni Faannoo riphanii haleelllaa garaagaraa gaggeessuu itti fufaniiru. 

Yaalii hidhattoota kanneen hidhannoo hiiksisuuf taasifameen mootummaan meeshaa waraa gurguddaafi diroonii fayyadamaa jiruun lubbuun namootaa dabarsaafi misooma barbadeessaa jira. 

Haleellaan diroonii dhiyeenya kana ambulaansii qoricha geejjibdi irratti Kibba Walloo aanaa Dalaantaatti gaggeeffamme lammiilee nagaa shan ajjeesuufi konkolaatattii barbadeessuun rgaa mul’ataadha. 

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) ibsa Sadaasa keessa baaseen, haleellaan manneen barnootaafi buufata awtoobusiirratti naannoo Amaaraatti gaggeefameen namoonii 20 ajjeefaman jechuun haleellaa kuni gochaa gara-jabinaa dhala namaa irratti raawwatameedha jedheera. 

Waraanichi kuni daandiin akka cufamuufi gargaarsi nyaataafi xaa’ooo qonnanbultoota waraana, hongeefi weeerara dhibeetiin raakaman bira akka hin geenye taasiseera.

Kan malees, jalqaba ji’a Onkololeessaa keessa odeeffannoon biiroo barnoota naannoo Amaaraa baase akka agrsiisetti, barattoonni miliyoona 3.9 sababa waraanaatiin manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa barnoota isaanii hordofuu dadhabuu addeessseera.

Waraana karaa nagatiin akka dhaaban qaamoleen biyya keessaafi alaa kan akka Paartii Sochii Biyyaaleessaa Amaaraafi mootummaan Ameerikaa waamicha taasisaa turanis  qaamoleen lamaan garuuu fedhii gahaa hin mul’ifne. 

Kongireesiin Ameerikaa dhimma Itoophiyaa irratti marii gaggeesseen waraanni Oromiyaafi Amaaraa salphaatti kan mariidhaan hin furamne ta’uu eerameera. Rakkoon kuni nageenya biyyatti irratti dhiibbaa kan uumu ta’uus ibsameera. 

Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Maayk Haamar kan marii WBO fi mootummaa gidduu ture akka taajjabaatti hirmaatee ture marii mootummaafi Faannoo gidduutti godhamu mijeessuuf eeyyamamaa ta’uu ibseera. Ameerikaan waraana Oromiyaa keessa jiru karaa nagaatiin akka furamuuf kutannoo kan qabdu ta’uu mirkaneesseera.  

Carraa uumame kanatti fayyadamuun osoo oolee hin bulin qaamoleen lamaan rakkoo siyaasaa isaan gidduu jiru mariidhaan furachuu qabu. 

Har’aa eegalee dhukaasa dhaabuudhaan mirga uummanni Itoophiyaa nagaan jiraachuu qabu kabajamuufi qaba! AS

Related Articles

Back to top button