DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Paarlaamaan Deenmaark seera Qur’aanaafi kitaabolee qulqulluu biroo gubuu dhoorku raggaasise

Finfinnee Mudee 08, 2023 – Manni Marii Deenmaark seera haaraa Qur’aana fi kitaabolee qulqulluu kamiyyuu gubuu dhoorku raggaasise.

 Akka gabaasa AP’tti, seera kana baasuun kan barbaachise gochaa Qur’aana xureessuu kana dhaabsisuuf ta’uu ministeerri haqaa Piitar Humargaard himaniiru. Gochaa qaamoleen “farra-Islaamummaa” ta’an tibbana Qur’aana xureessuu Deenmaark keessatti raawwatamaa ture hordofuun biyyoonni Muslimaa hiriira mormii gaggeessaniiru.

Paarlaamichi sagalee deeggarsaa 94 fi mormii 77’n seericha raggaasiseera. Akkasumas, seerichi gochaaafi barreeffama amantaa xureessu kamiyyuu ni dhoorka.

Akka seera haaraa baheetti namoonni seericha cabsan adabbii maallaqaa yookiin hidhaa hanga waggaa lamaatiin adabamu.

Mormitoonni seera kanaa garuu seerichi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu kan ugguru ta’uu mormu. Gareen mormitootaa kunneen mootummaan Deemnaarkiin “sodaattuu” jedhaniiru.

“Uggurri mirga yaada ofii ibsachuu akkanaa kuni biyyaa ammayyooftuu akka Daansiish kanatti dogoggora,” kan jedhe nama miseensa Dimookraatiik Denmaark kan Ingar Stoojbarg jedhamuudha. Kuni biyyoota muslimmaatiif jilbeeffachuudha jechuunsaas gabaafaneera.

Bara 2023 keessa qofa rogeeyyiin hawaasaa imbaasii biyyoota Musliimaafi iddoolee waaqqeeffannaa isaanitti argamuun hiriirri mormii 500 gaggeessuun ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haa ta’u malee, amantaa qeequun kan eeyyamamu ta’uu mootummaaan Deenmaark ibseera.

Magaala Deenmaark Aarhasitti Imaam kan ta’e Osaamaa Elsaadii, “gochaan kuni musliimota hundaaf ergaa gaariidha,” jedheera. Yaada ofii ibsachuun ni danda’ama Qur’aan gubuun garuu sirrrii akka hin taane Imaamichi himeera.

Bara 2016 keessa gaazeexaan Daaniish kaartuunii Raajii Muhaammad fakkaatan 12 maxxansuusaatti musliimonni mufatanii ture.

Akkasumas, biyya ollaa Swiidiinitti, hiriira nagaa kan kitaabolee qulqulluu barbadeessuu dabalate gaggeessuun akka eeeyyamamuuf gaafatanii ture.

Poolisiin Swiidiin rakkoo gaaffii kuni nageenya biyyattii iiratti uumuu danda’u madaaluun Adoolessa 2024 murtee ni dabarsa jedhamee eegama.

Swiidiin seera Quraana gubuufi xureessuu dhoorku hanga yoonaatti hin qabdu. Tuurkiin jibba Swiidiin Turkii qabduufi hiriira mormii farra-Islaamummaa Istookholmiitti taasifamu eeruun Swiidiin miseensa Dhaabbata Waliiigaltee Kaabaa Atilaaantiik (NATO) ta’uuf qabdu uggurteerti.

Biyyoonni Iskaandaniviyaa jibbaafi arrabsoo aadaa, amantaafi duudhaa biyyoota biroo arrabsuun kan beekaman ta’uun eerameera. AS

Related Articles

Back to top button