ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti walitti bu’iinsa uumameen buqqaatota fi jiraattota irratti miidhaan gahuu KMNI ibse

Finfinnee, Onkoloolessa 03/2023 – Daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa naannolee lamaan gidduu uumameen miidhaa qaqqabe irratti qorannoo gaggeessuun miidhamtootaaf furmaata waaraa kennuu akka barbaachisu Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise. 

Fulbaana 18 bara 2023 daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee, Aanaa Baabbilee jedhamutti walitti bu’iinsa uumame ilaalchisee miidhamtoota, qaamolee nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee, hojjettoota kaampii Qolojii fi ogeeyyii fayyaa hospitaalaa dubbisuu KMNI ibseera. 

Walitti bu’iinsa Aanaa Baabbileetti uumameen lammiileen nagaa hedduun du’uu, hedduun ammoo madaa’uu Addis Standard jiraattota gama lamaan wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. Aanaan Baabbilee bulchiinsaan naannolee lamaanuu [naannoo Somaalee, godina Fafaan fi naannoo Oromiyaa godina Harargee Bahaa] keessa kan jiru yoo ta’u, mooraan buqqaatota walitti bu’iinsa kanaan miidhame “Qolojii” Somaalota walitti bu’iinsa bara 2017 tureen naannoo Oromiyaarraa buqqa’an 20,000 ol kan keessummeessuudha.

Jiraataan Addis Standard dubbise tokko walitti bu’iinsi kan uumame erga hidhattoonni Oromiyaa buufanni sakatta’iinsaa dhiheenya kana mootummaan naannoo Somaalee naannoo sanatti kaa’e akka buqqa’u gaafataniin booda ta’uu himeera. Kana malees, gama Somaaleetiin himatni hidhattoonni Oromiyaa kaampii Kolojii irratti haleellaa bananiiru jechuun ka’u bu’uura kan hin qabneedha jechuun mormeera.

Walitti bu’iinsichi yeroo ammaa kana kan dhaabbate ta’uus, buqqaatota kaampii Qolojii keessa jiran jaha ajjeefamuu, hedduun madaa’uu, akkasumas lammiilee nagaa iddoowwan birootti jiran irratti du’a fi miidhaan qaamaa gahuu ibsa KMNI keessa eerameera. 

Komishinichi, naannoleen lamaan waliin ta’uun dhimmoota walitti bu’iinsa Baabbileetti uumameef sababa ta’an furmaata nagaa kennuun nageenya jiraattota fi buqqaatota akka mirkaneessan hubachiiseera. Miidhaa qaqqabeefis miidhamtootaaf beenyaan akka kaffalamuufi qaamolee nageenyaa of eeggannoo malee namoota nagaa irratti miidhaa geessisan akka gaafataman gaafateera. 

Komishinara Itti aantuu KMNI Raakeeb Massalaa, humnootni nageenyaa mootummaa lammiilee nagaa irratti miidhaan akka hin qaqqabneef og eeggannoo gochuu akka qaban eeruun “keessattuu buqqaatotni biyya keessaa duraanuu qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anii jireenya rakkisaa keessa jiran du’a fi miidhaa qaamaaf saaxilamu isaanii nama yaaddeessaa” jedhan. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button