ODUUSIYAASA

Oduu: Waraana Bilisummaa Oromoo irratti “tarkaanfii jabaa fudhatamaa jira; Marii araaraaf balballi keenya banaadha – MNO

Finfinnee, Muddee 02/2023 – Waraanni Bilisummaa Oromoo “filannoo nagaa dhiyaateef moggaatti dhiisee gocha shororkeessummaa isaatiin waan itti fufeef” tarkaanfii irratti fudhachaa jiraachuu mootummaan naannoo Oromiyaa beeksise. “Gareen hidhattoota kun gara daandii nagaatti yoo dhufe mootummaan yeroo hunda balballi isaa nagaaf banaa ta’uu mootummaan naannichaa ibseera.

Hogganaa kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Haayiluu Addunyaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka himanitti, “mootummaan gareen kun gara sochii nagaatti akka deebi’u yaalii taasisaa turuus, filannoo araaraa kennameef moggaatti waan gateef tarkaanfiin jabaa irratti fudhatamaa jira,” jedhan.

Obbo Haayiluun, mootummaan rakkoo jiru furuuf karaa jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaa fi haadholii Siinqeetin araara buusuuf yaalii taasisaa ture jedhan. Haata’u malee waamicha araaraa fudhachuu dhabuun bakka qaama sadaffaa malee hin mari’adhu jechuu eeran.

Mootummaan olaantummaa seeraa eeguu fi nageenya lammiilee mirkaneessuuf dirqama qaba kan jedhan Obbo Haayiluun, iddoowwan Waraanni Bilisummaa Oromoo qabate jiru gadi lakkisiisuuf hojii hojjetamaa jira jedhan.

Haata’u malee, harka araaraa mootummaan dirirse har’as hin dachaanee jedhan. “Gocha isaarra of qusatee gara marii araaraatti yoo deebi’e, mootummaan balballi isaa banaadha,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button