DALDALAODUU

Oduu: Itoophiyaan Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa irraa liqii dolaara biiliyoona 3.5 argachuuf haasa’aa jirti

Finfinnee, Muddee 19/2023 – Itoophiyaan riiformii diinagdee gaggeessaa jirtuu fi haala diinagdee biyyattii rakkoo keessa jiru furuuf Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) irraa dolaara biiliyoona 3.5 liqeeffachuuf dhaabbticha waliin haasa’aa akka jirtu Rooyitars gabaaseera. 

Hanqina baajata waggaa biyyattii keessa mul’achaa jiru guutuuf haala adda ta’een Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa irraa liqii gaafachuun ishee eerameera. Kuusaan sharafa alaa daldala galtee biyyattii dhibbeentaa 0.2 qofa ta’uus ibsameera. 

Rooyitars akka gabaasetti, qondaaltonni mootummaa marii torban darbe batattoota boondii idil-addunyaa waliin taasisaniin ji’oota jalqabaa sadan bara itti aanu 2024 keessa IMF waliin waliigaltee liqii akka irra ga’an akka eegamu himaniiru.

Itoophiyaan Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) ala Baankii Addunyaa irraa deeggarsa baajata doolaara biiliyoona 3.5 argachuuf barbaadaa akka jirtus Rooyitars gabaaseera. AS

Related Articles

Back to top button