DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Manni marichaa muudama walitti qabduu boordii filannoo raggaasise

Finfinnee, Muddee 19, 2023 – Manni marii bakka bu’oota uummataa yaa’ii marsaa 6ffaa guyyaa har’aa walitti qabameen Aadde Mi’illaatawarq Hayluu walitti qabduu boordii filannoo biyyaaleessaa akka taatu harka caalmaan raggaasise.

Aadde Mi’illaatawarq hamma yoonaatti waajjira boordichatti itti gaafatamtuu taatee tajaajilaa turuu ibsi itti gaafatamaan mana marichaa Obbo Tasfaayee Baljigee taasisan ni mul’isa.

Manni marichaa Aadde Mi’illaatawarq walitti qabduu akka taatuu sagalee caalmaatiin raggaasiseera.

Mi’illaatawarq itti gaafatamummaa itti kenname amanamummaa, kutannoofi gahumsaan kan gaggeessitu ta’uu waadaa galteerti.

Walitti qabduu boordichaa kan turte Aadde Burtukaan Miidhaksaa walitti qabduu boordichaa ta’uun tajaajilaa kan turte yoo ta’u iyyanoo aangoo gadhiisuu dhiyeessuun fedhiisheetiin aangoo gadhiisuuishee ni yaadatama.

Oduu walqabateen, Obbo Geetnat Taaddasaa hojiigaggeessaa Biroodkaatsii Korporeeshinii Itoophiyaa ta’uun kan muudaman yoo ta’u Obbo Masaafint Tafarraa hojiigaggeessaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa ta’aniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button