ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan fedhii dhaabbata ‘DP World’ Buufata Doonii Barbaraa waloon misoomsuuf qabu akka simattu ibsite 

Finfinnee, Amajjii 25/2024 – Daabbatni biyya UAE damee misooma buufata doonii irratti hojjetu ‘DP World’ Itoophiyaa waliin ta’uun Somaalilaand keessa buufata doonii Barbaraa misoomsuuf fedhii qabaachuu isaa mootummaan Itoophiyaa akka simatu Eemireetota Araba Gamtoomaniitti ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta’an Obbo Umar Huseen himan. 

Ambaasaaddarichi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka himanitti, fedhiin dhaabbata ‘DP World’ Itoophiyaa waliin hojjechuuf ibse tarkaanfii gaarii mootummaan itti hojjechaa jiru ta’uu ibaniiru.

Itoophiyaan “DP World qofa osoo hin taane, dhaabbilee ykn biyyoota fedhii qaban kamiyyuu waliin misooma buufata doonii irratti tumsuu barbaaddi,” jedhan Ambaasaaddar Umar.

Ambaasaaddarichi itti dabaluun, tumsi DP World waliin taasifamu akkanaa “walta’iinsa [Itoophiyaan] UAE waliin qabdu kan cimsu waan ta’eef waliigalteewwan walfakkaatan qaamolee biroo waliin xumuramu malan caalaa faayidaa guddaa qaba,” jedhan. 

Akka ambaasaaddar Umar jedhanitti, gama daldalaatin invastimantiin UAE Itoophiyaa keessatti qabdu Doolaara Ameerikaa biiliyoona 2.4 kan ga’e yoo ta’u, lammiileen Itoophiyaa UAE keessatti qabeenya isaanii dhangalaasaa jiranis dabalaa jiraachuu ibsaniiru. ”Hawwiin cimaan mootummoota lameenii bira jiru guddina walitti dhufeenya dippilomaasii Itoophiyaa fi UAE cimsa. Akka ilaalcha kiyyaatti carraan invastimantii guddaan ammallee hin xuqamne,” jedhan.

Torban darbe, Foramii Diinagdee Addunyaa Swizarlaanditti gaggeeffame irratti Hoji-gaggeessaan dhaabbata ‘DP World’ Sulxaan Ahmad Bin Sulaayem Itti aanaa Ministira Mummee fi Ministira Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonniin waliin walarguun marii “bu’aa qabeessa” taasisuu isaanii hordofee, Itoophiyaa waliin ta’uun Buufata Doonii Barbaraa misoomsuuf waliigaluu isaaniin gammachu itti dhagahame ibsanii turan.

Walta’iinsa “tarsiimoo” jedhanii kan ibsan hoji gaggeessichi, itti dabaluudhaan “walitti dhufeenya dinagdee jabeessuu qofa osoo hin taane guddina itti fufiinsa qabuuf karaa ni saaqa” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Amajjii 01, 2024 Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pireezdaantii Somaalilaand Musee Bihii Abdii waliigaltee wal-hubannaa Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km buufata waraanaa itti ijaarrattu akka qabaattu taasisu, akkasumas Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa fi dhaabbilee misooma Itoophiyaa irraa gahee isheef argamsiisu mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Pirezedaantiin Somaalilaand Musee Bihiin haasawaa guyyoota lama dura taasisaniin, “waliigaltichi Itoophiyaan tajaajila galtee fi baasii isheef buufata doonii Barbaraa akka fayyadamtu ifatti ibsa,” jedhaniiru.

Kanaan dura, Bitootessa bara 2018 keessa Itoophiyaa, DP World fi Somaalilaand buufata doonii Barbaraa waliin misoomsuuf waliigaltee mallatteessanii turan. Akkaataa waliigaltichaan, dhaabbatni DP World buufata doonii Barbaraa irraa 51% kan argamu yoo ta’u, Itoophiyaa 19%, Somaalilaand ammoo 30% qabaachuuf waliigalanii turan. Garuu Itoophiyaan ergasii haal-dureewwan barbaachisu guutuu dhabu isheetin gahe ishee akka dhabde Somaalilaand beeksisuun ishee ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button