ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Daangaa Naannoo Kibba Itoophiyaa fi Godina Gujiitti haleellaa hidhattootni raawwataniin milishoonni 12 ajjeefaman

Finfinnee, Amajjii 25/2024 – Daangaa Naannoo Kibba Itoophiyaa fi Godina Gujiitti haleellaa hidhattootni eenyummaan isaanii hin beekamne raawwataniin miseensota milishaa Oromiyaa godina Gujiitti ramadaman lakkoofsaan 12 ajjeefamuu fi lama biroo madaa’uu aanga’oota fi jiraattotni Addis Standard dubbise himan.

Naannoo Kibba Itoophiyaa Aanaa Sarmaalleetti bulchaa ganda Tifaatee kan ta’an Muhaammad Kitaamoo Addis Standarditti akka himanitti, haleellichi Kibxata darbe Amajjii 23, 2024 milishoota godina Gujii irratti raawwatamuu eeraniiru. Eeyummaa hidhattoota haleellaa kana raawwatan ilaalchisee, “milishoonni kunneen miseensota Waraana Bilisummaa Oromootiin ajjeefamuu shakkiin jiraachuu” bulchaan kun ibsaniiru.

“Haleellaan tasaa” hidhattoonni kunneen Kibxata darbe ganama keessaa naannoo sa’aatii lamatti raawwataniin lubbuun milishoota mootummaa 12 yoo darbu, lama madaa’uu bulchaan gandichaa kun dabalanii himaniiru.

Obbo Mohaammad, milishoonni ajjeefaman kunneenis ganda daangaa naannoo Oromiyaa godina Gujiifi Naannoo Kibba Itoophiyaa aanaa Tifaatee irratti argamtu keessa ajjeefamuus himaniiru. 

Milishoonni lamaan madaa’an hospitaala Keellee kan naannoo Kibba Itoophiyaa godina Koree keessa argamutti yaalamuu ogeessi fayyaa hospitaalichaa Gazzaahany Andashaa jedhaman Addis Standarditti himaniiru. 

Jiraataan gandichaa Nabiyyuu Nagaash jedhaman Addis Standarditti akka himanitti, “hidhattoonni kunneen haleellaa kana erga raawwatanii booda milishoota irraa meeshaa waraanaa isaanii fudhatanii miliquu” himaniiru.

Godina Gujii fi daangaa naannoo Kibba Itoophiyaa irratti haleellaa hidhattootni raawwataniin walqabatee yeroo garagaraatti lubbuun namoota heddu darbaa jiraachuu jiraataan kun eeraniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhimma kanaan walqabatee yaaliin Addis Standard aanga’oota godina Gujii dubbisuuf taasise hin milkoofne. AS

Related Articles

Back to top button