DALDALAODUU

Oduu: Itoophiyaan yaada beenyaa dhiheessuun liqeessitoota ishee waliin mari’achuuf karoorfachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 15/2023 – Itoophiyaan karaa Ministeera Maallaqaatin marii kaleessa Muddee 14, 2023 liqeessitoota boondii dolaara biiliyoona 1 waliin marii taasisteen waliigaltee beenyaa kasaaraa liqeessitoota boondii isaan mudatu maluuf ta’u dhiyeessuuf karoorfachuu akka beeksiste ibsame.  

Dhaabbanni oduu Rooyitars namoota sadi marii qondaaltota Ministeera Maallaqaa fi liqeessitoota boondii gidduutti taasifamaa ture irratti argaman irraa dhagahee jedhee akka gabaasetti, mootummaan Itoophiyaa liqeessitootaaf waliigaltee haaraa qopheessuu fi waliigaltee kanaanis yaada liqeessitootaaf kasaaraa isaan mudatuuf beenyaa ta’u hammachuu ibseera. 

Marii kaleessa gaggeeffameen Itoophiyaan yaada furmaataa liqeessitoota isheef dhiheessite yaada torbee darbe bitattoota boodii ijoodhaaf dhiyeessite waliin walfakkaataa ta’uu Rooyitars gabaaseera. 

Itoophiyaan yaada akka furmaataatti dhiheessite kun, yoo liqii ishee deebisu dadhabde yaada beenyaa liqeessitootni akka hin miidhamne taasisu kan of keessatti hammate ta’uu Rooyitars maddeen isaa irraa wabeeffachuu ibseera. 

Yaaddoon ijoo mootummaan Itoophiyaa dhala liqii yuuroo boondii akka hin kaffalleef isa taasise keessa inni ijoon, liqii yuuroo boondii kana yoo kaffalame gaaffii liqeessitoota biroo irraa ka’uu malu akka ta’e kan gabaasa Rooyitars, Itoophiyaan adeemsa kaffaltii liqii kana liqii biyyoota biroorraa argame waliin akka walsimatu gaafachuu eereera. 

Itoophiyaan akkaataa kaffaltii boondii doolaara biliyoona tokko gabaa idil-addunyaatti gurgurte irratti marii liqeessitoota ishee waliin taasifte bu’aa malee xumuramuu isaa hordofee sadarkaa liqaa biyya alaa kaffaluu hin dandeenyerra gahuuf qarqararra akka jirtu Rooyitars wabeeffachuun gabaasuun keenya ni yaadatama.

Mariin Itoophiyaan dhaabbilee gurguddoo bittaa boondii biyyattii raawwatan waliin taasifamaa ture kaleessa Muddee 8, 2023 bu’aa malee xumurameera kan jedhe Rooyitars, biyyi yeroo tokko guddina ariifataa galmeessuun abdatamaa turte amma liqii ishee kaffaluu dadhabdeetti jechuun ibse. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button