ODUUSIYAASA

Oduu: Marii Hidha Haaromsaa marsaa arfaffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 18/2023 – Mariin gam-sadee Hidha Haaromsaa biyyoota Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan gidduu gaggeeffamu marsaa 4ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.  

Marichi dambiiwwanii fi qajeelfamoota gadi lakkisaa fi guutinsa bishaan Hidha Haaromsaa irratti waliigalteerraa ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu dursaan garee mari’attoota Itoophiyaa Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa Silashii Baqqalaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru. 

Marsaawwan darbaniin mariiwwna gaggeeffamanii fi dhimmootaa garaagaraarratti waliigalteerraa ga’uuf kan xiyyeeffatamu ta’uu kaasaniiru.

Itoophiyaan waliigaltee qajeeltoo naannoo Hidha Haaromsaa mallattaa’e irratti hundaa’uun marii seentee akka jirtu ambaasaaddarichi barreeffama isaanii keessatti akeekaniiru. Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti ejjennoo fayyadamummaa haqa qabeessa ta’e qabdu itti fufti jedhan.

Mariin marsaa sadaffaa biyyoota sadii dhimma Hidha Haromsaa irratti Kaayirootti gaggeessaa turan waliigaltee ijoo malee xumuramuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa fi dursaa garee Itoophiyaa kan ta’an Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa (PhD) yeroos “mariin taasifame fooyya’insa muraasa kan irratti mul’ate” ta’uu ibsaniiru.

Adeemsi marii biyyoota Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii gidduu taasifamu kun kan itti fufuu ta’uu fi mariin marsaa arfaffaa baatii Muddee dhufu Finfinnee akka gaggeeffamu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen beeksise ture.

Mariin gam sadee Onkoloolessa 23 fi 24 Masrii, Kaayirootti gaggeeffame baatilee lamaan darban keessa qofa yeroo sadaffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u, xiyyeeffannoo ijoo marii kanaa akkaataa guutinsa bishaanii hidhichaa irratti dambiiwwanii fi qajeelfamoota jiran irratti ta’uu ministeerichi ibsa isaatiin akeeke ture. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button