ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan IGAD yaa’ii biraa akka waamu gaafatte

Finfinnee, Guraandhala 01, 2024 – Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa yaa’iin addaa biyyoota miseensa Abbaa Taayitaa Mootummoota Misoomaaf Gamtooomanii (IGAD) of keessatti hammatee kan rakkoo nageenyaa Gaanfa Afrikaatti mul’achaa jirurratti mari’atu yeroo gabaabaa keessatti akka qindeeffamuuf gaafate.

Xalayaa Pireezidaantii Jibuutiifi dura taa’aa IGAD Ismaa’iil Omar Gulleetiif barreeffame kan Addis Standard argate akka agarsiisuutti, walgahaii Ugaandaa Kaampaalaatti Amajjii 18 gaggeeffamee turerratti sababa yeroon hubachiisaa gabaabduu tureefi sagantaa biraatiin walirra bu’uu eeruun walgahicharratti argamuu akka hin danda’in Itoophiyaan ibsiteerti.

Gumiin Kaampaalaa kan qindeeffame gaaffii Ismaa’iil Omar Gulleeh dhimma waliigaltee Somaaliyaafi Somaaliilaand gidduutti taasifameen walqabatee waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaarratti akka mari’atan gaafachuu hordofee ture.  Akkasumas, dhimma waldhabdee Sudaan irratti mari’achuuf ture.

Haa ta’u malee, Ministeeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa sababa “hubachiisni kenname gahaa hin turreef” Itoophiyaan walgahicharratti argamuu kan hin danda’in ta’uu eereera.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa xalayaa dura barreesseen, walgahiin olaanaan waamame kuni “sagantaa biraatiin walirra bu’uufi yeroon hubachiisaa gabaabduu ta’uu” eeruun walgahii Ugaandaa, Kaampaalaa kanarratti kan hin hirmaanne ta’uu ibsee ture.

Goolabamuu marii olaanaa IGAD 42ffaa hordofee, waldhabdeen Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti deemaa jiru yaaddeessa ta’uu ibseera. Mariin bu’a-qabeessaa gochuun waldhabdeee qabbaneessuufi hariiroo biyyoota lamaanii si’eessuuf tarkaanfii fudhachuun barbaachisaa ta’uu dhaabbatichi cimsee hubachiisee ture.

Walgahichi kan gaggeeffame bakka miseensonni lamaan jechuun Eritraafi Sudaan hin jirreetti ture. Ajandaa marichaatti gammaduu dhabuu akka sababa ijootti eeruun Sudaan miseensummaa ishee addaan kutuuf kan murteessite yoo ta’u Eritraan immoo sababa hafteef ifatti hin beekamne ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Erga marichi gaggeeffamee torbanoonni lama darbanii booda Itoophiyaan marii olaanaa kan dhimma rakkoo naannoorratti xiyyeeffatu akka qindeeffamuuf gaafachuun walgahicharratti kan argamtu ta’uu ibsiteerti.

Teessuma IGAD yeroo ammaa kan taate Jibuutiifi barreessaan dhaabbatichaa gaaffii Itoophiyaan gaafatteef deebii hatattamaa ni kennu jedhamee eegama. AS

Related Articles

Back to top button