DHIMMA HAWAASAAXIINXALA
Trending

Khuullee: Boca qubeelee Afaan Oromoo haaraa qubee Laatinii akka bakka bu’uuf kalaqame maaliif hagana falmisiisaa ta’e?

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Guraadhala 01/2024 – Tibbana kalaqa qubeelee haaraa qubee Laatiinii waggoota dheeraaf Afaan Oromoo itti fayyadamaa jiru bakka bu’ee “rakkoo itti fayyadama qubee irratti mudatu ni fooyyeessa” jedhamee ogeessa tokkoon kalaqame dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’eera. 

Kalaqni qubeelee haaraa “Khuullee” jedhamu kun waggaa 19 dura ogeessa biyya Ameerikaa jiraatuun kalaqamee hanga ammaatti kitaabilee kudhanii ol kan ittiin barreeffamee maxxanfame ta’uus, hanga ammaatti xiyyeeffannoo osoo hin argatiin tureera. 

Haata’u malee, tibbana barbaachisummaa qubee Afaan Oromoo amma faayidaarra oolaa jiru filannoo kan biraan bakka buusuu ilaalchisee Yuunivarsiitii Wallaggaatti waraqaan qorannoo dhiyaachuu hordofee dhimmi kun dubbii ijoo ta’eera. 

Kalaqni qubee ‘Khuullee’ yoom eegale? 

Jireenya isaanii biyya Ameerikaatti kan taasisanii fi qubeelee haaraa kunneen kan kalaqan Maaster Hasan Abdulqaadir Ayimoo, ofii nama ispoortiidha. Ogummaa gosa ispoortii Tekwaandootin waggaa dheeraaf hojjetaniiru. Pirezidaantii Tekwaandoo Afrikaa ta’uunis tajaajilaa jiru. 

Haata’u malee, quuqama afaan Oromoof qabaniin kalaqa qubee kana uumu isaanii eeru. “Ani qorannoo afaan irratti barnoota muraasa fudhadheen jira. Garuu namni quuqama qabu hundi dhimma Afaan Oromoo irratti yaada mataa isaa kennuu danda’a. Hayyoonni Oromoo kan akka Haayilee Fidaa, Sheekh Bakrii Saphaloo, Sheekh Dr Abdushakuur Muhaammad  fi kanneen biroon namoota afaan irratti barnoota fudhatan miti, garuu gumaacha guddaa godhaniiru” jedhan.

Maaster Hasan dhimma kana ilaalchisee yaada Addis Standard’tti laataniin, qubee haaraa kana waggaa 19 dura bara 2004 erga kalaqame booda waggaa sadi keessatti kitaabni Khuullee jalqabaa maxxanfamuu himan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akka Maaster Hasan jedhanitti, kalaqa qubeelee “rakkoo itti fayyadama qubee irratti mudachaa jiru ni fura” jedhame kana irratti qorannoo waggoota dheeraa irratti gaggeeffamee yaada hayyoota biroos keessummeessuuf yaalameera. “ALI bara 2000tti [waggaa 16 dura] yuunivarsiitiwwan Haramaayaa fi Dirree Dhawaatti waraqaa qorannoo koo irratti dhiyeesseera,” jedhu Maaster Hasan.

“Qubeen kun kan bocame qubee Arabaa yookaan Chaayinaa irraa miti, boca of danda’ee kan Odaa fi falaasama yayyaba shanan Oromoo irraa kalaqame. Oromoo biratti lakkoofsi shan bu’uura waan hundaati. Gadaa, Bokkuu fi Odaan Oromoo shan. Falaasama shanan kana irratti hundaa’ee Khuullee (Qubee) shan uume, Khuullee shanan kana irratti hudaa’uun ammoo Khuullee soddooma uume, waliigalaan Khuullee soddomii shan qaba,” jedhan.

“Qubeen Khuullee hanqinaalee qubee Laatinii sadi ni sirreessa”

Kalaqa qubeelee haaraa qubee Laatinii Afaan Oromoo itti fayyadamaa jiru akka bakka bu’uun yaadame kun, “rakkoo itti fayyadama qubee Afaan Oromoo irratti mul’atu fooyyeessuun” kan kaayyeeffate ta’uu Maaster Hasan himu. “Qubeen Afaan Oromoo amma hojiirra jiru rakkinoota mataa isaa qaba. Kanin ani Khuullee uumees sababuma kanaafi,” jedhan.

Rakkinoota akka furamaniif yaadan wayita ibsan; tokkoffaa qubee dachaa jabaatee fi laaffatee hiikaa gargar qabu barreeffama irratti addaan baasuu dhabuu ta’uu eeru. “Fakkeenyaaf himoota ‘dooktarri harma ishee baqaqsee hodhee fi mucaan harma haadhasaa hodhee’ jedhan gidduu garaagarummaa jiru agarsiisu irratti qubeen laatiinii hanqateera,” jedhan. 

Kana malees, boca qubeelee haaraa kalaqame kun sirna qubee keessatti barbaachisummaa jabaachuu hudhaa kan mirkaneessee fi dheerina jechoota Afaan Oromoo kan xiqqeesse ta’uu eeran.

Maaster Hasan barbaachisummaa kalaqa isaanii ibsuuf qorannoo bariisaa Hasan Gazaalii waggaa afur dura hojjetan akka deeggarsaatti eeru. Hasan Gazaalii qorannoo digirii lammaffaa isaanii qubee laatinii fi Khuullee madaalu bara 2012 ALI yuunivarsiitii Dirree Dhawaatti wayita dhiyeessan qubeen Khuullee hanqinaalee qubee Laatinii sadi guutee argamuu eeranii turan. 

“Hanga ammaatti barattootni gara kuma shanii ta’an akkaataa itti fayyadama qubee Khuullee barataniiru”

Maaster Hasan Abdulqaadir Ayimoo

Qubee ‘Khuullee’ fayyadamuun kitaabilee kudhanii ol barreessuu kan eeran Maaster Hasan, hanga ammaatti barattoota “gara kuma shanii ta’an akkaataa barreeffama qubee kanaa barsiisuu himu. “Iddoowwan akka Harargee, Baalee, Boorana fi Arsii keessatti ittiin barsiifamaa tureera,” jedhan.

Qubee haaraa kalaqame kanaan gaazexaa dabalatee barreeffamoota hedduu kan maxxanfaman ta’uus, kalaqni kun ammallee sadarkaa qorannoorra kan jiru ta’uu himu Maaster Hasan.

“Dhimma kana irratti waltajjii irratti gaggeessuuf Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa fi Haramaayaa waliin waliigallee jira. Waltajjiilee kanaan hayyoota yuunivarsiitiwwan kudha saddeet walitti fiduun mariisisuuf deemna. Dabalataan dhimma kana irratti namoonni afur qorannoo akka gaggeessan filatamaniiru,” jedhan.

Namoota dhimma kanaan walqabatee waraqaa qorannoo isaanii dhiyeessan keessaa ammoo tokko Gargaaraa Pirofeesara Fedhasaa Taaddasaati. Gargaaraa Pirofeesar Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa kan ta’an  Fedhasaa Taaddasaan, Amajjii 26 bara 2024 mataa duree “Xiinxala Uumama Qubee Afaan Oromoo: Ijibbaata Hayyootaafi Firii dhamaatii isaanii” jedhuun qorannoo isaanii yuunivarsiitii Wallaggatti dhiyeessaniiru.

Dhimma qubeelee haaraa kalaqaman ‘Khuullee’ jedhamu ilaalchisee odeeffannoo yeroo isaan qaqqabu haaraa itti ta’uu fi namootni kumaatamaan lakkaawwaman karaa telegraamii fi miidiyaalee hawaasaa garaa garaan yeroo baratan arguun isaanii qorannoo isaaniif ka’umsa ta’uu kan eeran Gargaaraan Pirofeesara Fedhasaa Taaddasaa, “qorannoon koo kun Sheekh Bakrii Saphaloo irraa kaase hanga har’aatti gatii qubee Oromoo irratti kaffalamaa jiru xiinxala,” jedhu.

Adeemsa qorannoo isaanii kana keessatti namoota qubee Afaan Oromoo haaraa uuman torba argachuun hojii isaanirratti xiinxala hojjechuu isaanii kaasu. 

“Akka qorannoo kootti kalaqni Maaster Hasan Aymoo baay’ee bilchaataa waan ta’eef boca isaanii filadheen irratti qorannoo gaggesse. Qorannoo koo xumureera, hayyoonni irratti mari’achuu danda’u. Khuulleen ulaagaa Afaan Oromoo barbaadu guuta? Qubee Laatinii caala Afaan Oromoo Khuulleen barreessuun salphaadha? Jabeenyifi laafinni qubee maali? Gaarummaa fi hanqina qubee Khuullee kana maali? jechuun irratti mari’atamu qaba,” jedhan. 

Itti dabaluudhaan, “boca qubee haaraa uumuun kun waan haaraa miti. Fakkeenyaaf Sheekh Kamaal Adam OBS TV sagantaa Qubee jedhamu irratti kalaqa isaanii dhiyeessanii turan. Haata’u malee, qubeen kun madda akkamii bu’ureeffachuun kan uumame akka ta’ees wanti isaan ibsan hin jiru. Quqaama isaan Afaan Oromoof qaban irraa kan ka’een sarara fayyadamuun mirgarraa gara bitaatti barreessuuf yaalan. Kalaqa isaanii kunis qoratamu qaba jedheen amana,” jedhan Fedhasaan. 

Dhimmi waraqaa qorannoo isaan tibbana yuunivarsiitii Wallaggaatti dhiyeessan kun miidiyaa hawaasaa irratti dhimma ijoo ta’uu isaatin akka hin gammadne kan kaasan Gargaaraa Prof. Fedhasaan, akka qorataa afaanii tokkotti dhimmicha marii fi qeeqa hayyootaaf dhiyeessuu isaanii himan. “Hayyootaan qoratamee yoo kufe ni kufa, yoo faayidaan irraa argame ammoo fudhatama jedheen dhiyeesse,” jedhu.

Qeeqawwan irratti ka’aa jiran 

Baatii lama dura kalaqa qubeelee ‘Khuullee’ jedhamu kana ilaalanii yaada akka irratti kennan gaafatamuu isaanii kan himan walitti qabaa boordii Dhaabbata Afaan Afrikaa (3A) kan ta’an Pirofeesar Tashoomaa Sooressaa, “akka dhaabbataatti qubee haaraa kalqame ilaallee barbaachisummaa isaarratti waan hin amanneef deebii kallattii hin kennineef” jedhan.

“Afaan Oromoo qubee mataa isaa qaba yoo jenne kalaqni qubee haaraa hin barbaachisu jechuudha,” kan jedhan Prof. Tashoomaa Sooressaa, “Afaan Oromoof qubee haaraa kalaquun barbaachisaa miti. Afaan Oromoo rakkoo qubee dachaa walqabatees hin qabu. Ingiliffaa dabalatee Afaanonni baay’ee rakkoolee mataa isaanii qabu. Afaan Oromoo keessaas yoo jiraate rakkoolee kanneenif mala barbaada deemuu wayya malee qubee haaraa kalaquun deebii hin ta’u,” jedhan.

Namoota marsaa hawaasaa isaanirratti yaada qo’annoo kanaa qeeqan keessaa Abdiisaa Baancaa tokkodha. Abdiisaan yaada fuula fesbuukii isaarratti barreesseen, “Oromoo of duuba deebisuuf karoora bahe tahuu waan hubatan natti hin fakkaatu. Guddinna afaanichaa Sakaaluu keessatti gahee isaanii bahachuuf karoorfachuu hubatamuu qaba,” jedhe.

Maaster Hasan gama isaaniin qeeqa kalaqa kanarratti ka’aa jiru ilaalchisee, “warri qeeqan quuqama Afaan Oromoof qaban irraa madda jedheen amana. Garuu otoo Khuullee hin dubbisiin qeequun sirri miti. Cimina fi laafina Khuullee mala saayisawaan qoratanii qeequun osoo danda’amu dafanii qeeqatti fiiguun sirri miti,” jedhan. 

Marii paanaalii yuunivarsiitiwwan Dirree Dhawaa fi Haramaayaa gaggeeffaman irratti hayyoonni gara garaa akka xiinxalanii fi qeeqan godhamuu kan kaasan Maaster Hasan, gara fuulduraafis hayyoota gara garaan qorachiisuuf akka yaadan himaniiru. AS

Related Articles

Back to top button