ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Dhaabbanni idiladdunyaa sadarkaa malaammaltummaa gamaaggamu Itoophiyaa 98ffaarra kaa’e

Finfinnee, Amajjii 31, 2024 – Dhaabbanni idiladdunyaa (Transparency International) jedhamu kan sadarkaa malaammaltummaa gamaaggamuun biyyoota addunyaatiif sadarkaa kennu bara 2023 Itoophiyaa sadarkaa 98ffaarra kaa’e.

Dhaabbanni sadarkaa malaammaltummaa gamaaggamuun biyyoota addunyaatiif qabxii tokkoo (sadarkaa malaammaltummaa guddaa) hanga 100 (malaammaltummaarraa bilisa) kennu kun Itoophiyaadhaaf qabxii 37 kennuun biyyoota addunyaa 180 keessaa sadarkaa 98ffaarra kaa’eera.

Gabaasa dhaabbatichi baase akka agarsiisutti, Itoophiyaan bara darbe (2022) qabxii 38 argachuun sadarkaa 94ffaarra kan kaa’e yoo ta’u bara 2023 immoo qabxii tokko hir’isuun (37) argachuun sadrakaa 98ffaarra kaa’amteeerti.

Somaaliyaa qabxii 11 qofa argachuun addunyaarraa sadarkaa dhibbaffaa kan baate yoo ta’u Deenmaark 90 argachuun sadarkaa tokkoffaa argatteerti.

Biyyoonni qabxii 50 gadi argatan rakkoo “malaammaltummaa hammaataa” kan qaban ta’uu dhaabbatichi ifoomseera. Biyyoota addunyaa keessaa 75% kan ta’an qabxii 100 keessaa 50 gadi kan argatan ta’uu dhaabbatichi ifoomseera.

Biyyoonni hedduu qabxii bara darbe qaban irraa gadi bu’uu eeruun malaammaltummaan sadarkaa addunyaatti dabalaa jiraachuu gamaaggamni bara 2023 agarsiiseera. Akka addunyaatti qabxiin gidduugaleessaa 43 ta’uun barameera.

Sirni haqaa aanga’oota too’atuufi haqummaa mirkaneessuu yoo ijaarame malee malaammaltummaan rakkoo hawaasaa ta’uu kan itti fufu ta’uu dhaabbatichi addeesseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button