DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Uggurri geejjibaa fi lagannaa gabaa Oromiyaa keessatti labsame sochii geejjibaa fi daldalaa haga tokko danquu jiraattotni himan

Finfinnee, Amajjii 30/2024 – Naannoo Oromiyaatti waamicha lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa marsaa lammataaf Dilbata Amajjii 28 galgala irraa eegalee labsameen wal-qabatee kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti sochiin geejjibaa daangeffamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin barbaadne tokko, guyyaa kaleessa Amajjii 29 irraa eegalee iddoowwan godinicha hedduu keessatti “sochiin geejjibaa fi daldalaa kan daanga’e” ta’uu hime.

“Magaalaa Shambuu keessatti sosochiin konkolaataas ta’e namootaa baay’ee hin jiru. Guyyaa kaleessa manneen baankii dabalatee hojiin idilee dhaabbilee hedduu dhaabbatee ture. Qaamoleen mootummaa garagaraa magaala keessa naanna’uun manneen daldalaa cufaman saamsaa turan,” jedhe.

Itti dabaluun, “labsiin lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa kun guyyaa kaleessa irraa jalqabee hojiirra oolaa jira garuu yoom akka xumuramu hin beekamu,” jedhe.

Magaalaa Naqamteettis guyyaa kaleessa sochiin geejjibaa fi daldalaa dhaabbatee ooluu Addis Standard jiraattota irraa odeeffateera. Jiraataan magaalittii Addis Standard dubbise tokko, “Kaleessa sochiin geejjibaas ta’e manneen hojii hunda dhaabbatanii turan. Boodarra garuu akeekkachiisa qaamolee mootummaa irraa darbaa tureen, har’a bajaajiin socho’uu eegaleera. manneen hojiis banamaa jiru,” jedhe.

Kana malees, guyyaa kaleessa irraa eegalee sochiin geejjibaa magaalaa Amboo qaxxaamuree gara godinaalee Wallaggaa geessu dhaabbachuu Addis Standard jiraattota magaalaa Amboo irraa odeeffateera.

Konkolaachisaan geejjiba fe’umsaa Finfinnee fi Lixa Oromiyaa gidduu deddeebi’uun hojjettu tokkoos yaada jiraattotni kunneen laatan cimsuun sababa uggura geejjibaa waamameen geejjibni gara Lixa Oromiyaa taasifamu dhaabbachuu himeera. “Sochiin geejjibaa waan dhaabbateef anis konkolaataa koo dhaabeera,” jedhe konkolaachisaan kun.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waamichi uggura sochii geejjibaa kun kutaalee Oromiyaa biraa keessattis haga murtaa’e sochii daldalaa fi geejjibaa irratti danqaa uumuu Addis Standard jiraattota irraa mirkaneesseera. Jiraataan magaalaa Maqii eenyummaan isaa akka hin eeramne gaafate, magaalattii keessa fi naannoo isheetti sochiin geejjibaa fi dandalaa “kan daanga’e” ta’uu himeera.

Sochiin uggura geejjibaa fi lagannaa gabaa kun eenyuufi sababa maaliin akka labsame wanti ifatti himame jiraachuu baatus, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) harka duubaa qabaachuu gabaasaaleen ni eeru. Haata’u malee gareen hidhattootaa kun dhimmicharratti ifatti wamichi godhe hin jiru.

Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa dhimma “waamicha lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa” labsame ilaalchisee ibsa kaleessa galgala baaseen, naannichatti “tajaajila geejjibaafi daldalaa danquun ummata gidirsuuf aggaammiin taasifamuu” ibse. Mootummaan “aggaammii” jedhame kanas kan qindeesse “Shaneedha” jedheera.

“Godinaalee Wallaggaa Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Lixaa fi Shawaa Lixaa akkasumas magaalaa Naqamteetti iddoowwan muraasatti diinni olola miidiyaa hawaasaarratti gadi lakkiseen sochii misoomaa gufachiisuuf yaaleera,” kan jedhe ibsichi, haata’u malee, “tarkaanfii caasaan mootummaafi nageenyaa fudhachuu eegaleen yeroo ammaa bakka tokko tokkotti hawaasni sochiifi hojii isaa eegaleera,” jedhe.

Dhimma lagannaa gabaa fi uggura geejjibaa kana ilaalchisee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa qulqulleessuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Waamichi uggura geejjibaa fi lagannaa gabaa kun marsaa lammataaf kan labsame yoo ta’u, torbanoota dura tarknaafii konkolaattota labsii kana cabsanii deeman irratti fudhatameen Oromiyaa keessa iddoo gara garaatti qabeenyarra miidhaan gahuun gabaafamaa ture. AS

Related Articles

Back to top button