DHIMMA HAWAASAAODUUUncategorized

Oduu: Itoophiyaatti warshaan meeshaaalee altraasaa’uundii walitti suphu hojii eegale

Finfinnee, Amajjii 12, 2024 – Warshaa industirii Huwaajiyaanitti warshaan meeshaalee atraasaa’uundii walitti suphu guyyaa kaleessaa hojii eegaluu ministeerri fayyaa beeksise.

Warshaan meeshaa altraasaa’uundii walitti suphu kuni kan ijaarame buusii maallaqaa Elsmoond Soluushiniifi Siimans Soluushiins jedhaman gamtaan taasisaniiniidha. Meeshaan altraasaa’uundii kuni dhibee qorachuu dabalatee gochaawwaan garaagaraa raawwata.

Itti aantuun ministeera fayyaa Fireehiwoot Abbabaa akka himanitti, warshaan kuni teeknoolojii fayyaa Itoophiyaafi Afrikaa ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan. Warshichi ogeeyyii fayyaatiif carraa hojii kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru.

Pireezidaantiin warshaa Elsmeed Soluushiin kan ta’an Rooneen Baahuur warshaan kuni kan dhugoome yaalii waggoota dheeraaf kan fudhate ta’uu himaniiru. Misoomni kuni dhaabbileen biroo Itoophiyaa misoomsuurratti akka hirmaataniif karaa kan banu ta’uu dabalanii dubbataniiru.

Hojigaggeessaan Elsmeed Itoophiyaa Daawiit Haay;uu, gamasaatiin, meeshaalee warshichaan omishaman mallattoo daldalaa Itoophiyaatti hojjatame jedhuu ofirraa kan qabaatan ta’uu ifoomsaniiru.

Sirna eebba warshichaarratti ministeera ministeera fayyaa Itoophiyaa duraanii dabalatee aanga’oonni biroo, ambaasaaddaroonni Jarmaniifi Israa’eel argamuun barameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button