ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Somaalilaand waamicha Somaaliyaan dhimma waliigaltee ulaa galaanaa tibbanaa irratti Gamtaa Afrikaa fi UN’f dhiyeessite kufaa taasiste 

Finfinnee, Guraandhala 12/ 2024 – Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ibsa kaleessa baaseen, guyyoota muraasaan booda yaa’iisaa Finfinneetti kan eegalu Gamtaan Afrikaa fi biyyoonni miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand irra gahan akka balaaleeffatan gaafachuu ishee hordofee Somaalilaand ibsa Somaaliyaatin “waamicha fudhatama hin qabne” jechuun kufaa taasiste.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ibsa isaatin, “Itoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaa otoo taatee jiruu qajeelfama gamtichaa tokkummaa fi abbaa biyyummaa biyyoota ardichaa akka eegamu ibsu diiguun gocha gamticha balaadhaaf saaxilu raawwatteetti,” jedheera. 

Waliigaltichi erga mallattaa’e kaasee ibsa irra deddeebi’ee baaseen “waliigaltee seeraan ala” jechuun kan ibse Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa, ammas irra deebiin ibsa kaleessa baaseen “waliigaltichi abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa kan sarbeedha” jedhe.

Somaaliyaan waggoota lamaan darbaniif duula farra shororkeessummaa fudhachaa turte keessatti naannolee to’annoo garee al-Shabaab jala jiran hedduu gadi lakkisiisuu kan ibse ministeerichi, “waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaand mallatteessan garuu al -Shabaabiif carraa uumeer, haala gaddisiisaa ta’een injifannoo arganne duubatti deebisuu danda’uun itti fayyadamaa jira,” jedhe.

Somaaliyaan, haaluma kanaan Gamtaan Afrikaa fi biyyoonni miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii “qajeelfama irratti hundaa’uun gocha Itoophiyaa balaaleffachuudhaan ejjennoo isaanii akka calaqqisan” waamicha dhiyeessiteetti.

Ibsa Ministeera Dhimma Alaa Somaaliyaa hordofuun ibsa gama isaatin kan baase Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Somaalilaand, ibsa Somaaliyaa guutummaatti akka hin fudhanne beeksiseera. Somaalilaandiin “biyya walabaa fi ofiin of bulchitu” ta’uu kan eere ibsi Somaalilaand kun, “mootummaan filannoo biyyattii injifate aangoo qabatu waliigaltee idil-addunyaa kamiyyuu mallatteessuuf mirga guutuu qaba,” jedheera.

Kana malees, mootummaan Somaalilaand walabummaa biyyattii karaa nagaan milkeessuufi beekamtii idil addunyaa argachuuf tattaaffii eegale akka itti fufu ibseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button