DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Ameerikaan gargaarsa nyaataa Itoophiyaatti addaan kutte turte baqattoota biyyoota ollaaf qofa kennuun akka eegaltu beeksiste

Finfinnee, Onkoloolessa 06/2023 – Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa USAID baatii afur booda Itoophiyaaf gargaarsa nyaataa kennuu akka eegalu beeksise. Dhiyeessiin midhaan gargaarsaa baqattoota biyyoota ollaa irraa gara biyyaatti kooluu galaniif qofa akka eegalus miidiyaan Asoosheetid Pirees gabaaseera.

Dhaabbanni gargaarsaa kun murtee dhiyeessii gargaarsaa eegaluu irra ga’e mootummaan Itoophiyaa baqattoota biyyoota ollaa irraa dhufaniif geejjibaa, kuusaa fi raabsa gargaarsaa irratti hirmaannaa tokkollee akka hin qabaanne erga waliigalteerra ga’amee booda ta’uu gabaafameera.

Gargaarsa baqattoota Sudaan, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa, Eertiraa fi naannolee biroo irraa buqqa’anii Itoophiyaa keessaa jiran gara miliyoona tokko ta’aniif oolu akka jiraatuus eerameera.

Lammiilee miiliyoona 20 ol ta’an sababa hongee fi qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif gargaarsa nyaataa eeggachaa jiraniif ejensiin gargaarsaa kun gargaarsa kennuu akka hin jalqabne ibsamee jira.

Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa USAID gargaarsi Itoophiyaa keessatti sadarkaa biyyaatti miidhamtootaaf kennamaa ture kaayyoo hin yaadamneef akka oolaa jiru erga mirkanaa’ee booda ji’a afur dura dhiyeessii gargaarsa Itoophiyaa dhaabuun isaa ni yaadatama. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button