ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoo Sidaamaatti buufataalee poolisii 600 ol ijaaramaniif birrii miiliyoona 650 ol ummata irraa sassaabamuu ibsame 

Finfinnee, Muddee 27/2023 – Naannoo Sidaamaatti waajjiraalee To’annoo fi Boobbii Poolisii 640 hirmaannaa uummataatin ijaaramaniif birrii miiliyoona 650 hawaasa irraa sassaabamuu hogganaa Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Naannichaa Obbo Alamaayyoo Ximootiwoos Addis Standarditti himan. 

Obbo Alamaayyoon akka himanitti, waajjiraalee poolisii guutummaa naannichaatti hirmaannaa uummataatin ijaaruuf kan barbaachise humna mootummaatin kan hin danda’amne waan ta’eefi hariiroo hawaasaa fi poolisii gidduu jiru cimuufi. Waajjiraalee kunneen ijaaranii xumuruufis birrii miiliyoona 800 akka barbaachisu dabalanii himaniiru.

“Dhaabbileen nageenyaa teessoo dhaabbataa ta’e qabaachuu qabu” kan jedhan hogganichi, waajjiraaleen kunneen mana kireeffatanii dhimma bahaa waan jiraniif yeroo garagaraatti teessoo isaanii jijjiiruuf dirqamuun hawaasa irratti dhiibbaa geessisaa jira jedhan. 

Kana malees, “baajatni waajjiraalee poolisiif kennamu baasii kiraa manaa fi boba’aan dhumaa rakkachaa jirra” kan jedhan obbo Alamaayyoon, maallaqani walitti qabame kun “abbootiin qabeenyaa tokko tokkoos mana isaanii waajjira poolisiif kireessuuf eeyyamamoo ta’u diduun rakkoo dhaabbaticha irra gahu ni hambisa jenne abdanna” jedhan.

Waajjiraalee poolisii 640 sadarkaa gandaatti guyyoota 90 keessatti ijaaruuf karoorfame keessaa kanneen 390 ta’an ijaarsi isaanii xumuramuu obbo Alamaayyoon himan. Kana keessaa magaalaa Hawaasaa keessatti waajjiraalee 40 ijaarsi isaanii xmuramuu himaniiru.

Waajjiraalee poolisii waliigalaa ijaaraman keessaa 40 tokkoon tokko isaanii baasi birrii miiliyoona 10 hanga 15 akka irratti bahu kan eeran hogganichi, ijaarsa waajjiraalee hafan guyyoota 30 hafan keessa xumuruuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. AS 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button