ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan diroonii fi boombii summii fe’ate ummata nagaa irratti dhukaasuun “yakka namummaa irratti” raawwateera: ABO

Finfinnee, Amajjii 24/2024 – Haleellaa diroonii dabalatee “tarkaanfiiwwan humnoonni nageenyaa mootummaa, naannoo Oromiyaa keessatti raawwatan” ammallee itti fufuun lubbuu namoota nagaa hedduu galaafachaa jiraachuu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) ibse. ABOn ibsa isaatiin, tarkaanfiin naannoo Oromiyaa keessatti fudhatamaa jiru “yakka namummaa irratti raawwatameedha,” jedhe.

Paartichi ibsa isaatiin waraanni mootummaa “giddugala Oromiyaa godinoota Kibba-lixa Shaggarii fi Salaalee akkasumas Kibba Oromiyaa godina Gujiitti dhukaasa irraa jalaan xiyyaara nama-maleessa dabalatee boombii summii fe’atee fi meeshaa gurguddaa ummata nagaa irratti dhukaasuun lubbuu ummataa hedduu galaafatanii jiru,” jechuun himateera. 

Humnoonni nageenyaa mootummaa kunneen Amajjii 21, 2024 godina Salaalee aanaa Yaayyaa Haroo ganda Qindoo Agamsootti “tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhataniin”  lubbuu namoota shanii darbuu fi namoota lama irratti miidhaa qaamaa gahuu kan eere ABOn, aanaa walfakkaataa keessatti manneen namoota jaha gubamuu ibseera.

Kana malees, “giddu-galuma Oromiyaa godina Kibba-lixa Shaggaritti Amajjii 21-22, 2024 haleellaa qilleensa irraan ummata nagaa irratti raawwatameen lubbu-qabeeyyii naannoo irraan miidhaa ulfaataa dhaqqabsiisuu” kan kaase ABOn,  haaluma kanaan aanaa Qarsaa Maallimmaa ganda Gibbisoo keessatti “haleellaa diroonii guyyaa tokkotti yeroo sadi raawwatameen lubbuun namaa akkasumas lubbu-qabeeyyiin naannotti argaman aara summa’aan miidhamaniiru,” jedhe. “Boombiin summii qabu naannoo kanatti darbatame miidhama guddaa naannoo sanatti dhaqqabsiisuus” eereera.

Bifuma walfakkaatuun, “gaafa Amajjii 22, 2024 Kibba Oromiyaa Godina Gujii Bahaa Ona Adoolaa Reedee ganda Abulloo keessattis haleellaa Dirooniin boombii summii baatu ummata nagaa irratti gaggeeffameen lubbuu namaa hedduu galaafachuun barameera. Guyyuma kana Diroonii lammaffaan Onuma Adoolaa Ganda Qararootti boombii darbatteen miidhaa fakkaataan dhaqqabee jira,” jedhe. 

“Mootummaan waraana isaa gaafatamni itti hin dhaga’amne ummata nagaa irratti bobbaasuu, lola lafoo fi qilleensaa ummata irratti deemsisuun lubbuu hedduu harcaasuun rakkoo naannoo kanaa wal xaxaa taasisuu malee furmaatatti akka hin gessu,” kan jedhe Addi Bilisummaa Oromoo, gochaalee “hidhaa fi ajjeechaa jumlaa, reebicha ulfaataa, doorsisa, manneen ummataa ibiddaan gubuu fi summiin ummata gaaga’uu” jabeessee balaaleeffateera. 

Adda Bilisummaa Oromoon ibsa isaatiin, uummatni Oromoo, jaarmiyaaleen siviilii, dhaabbileen mirga namoomaa fi hawaasni addunyaa “gochaa suukanneessaa waraanni mootummaa uummata irratti dhaqqabsiisaa jiru” dura dhaabbatanii akka balaaleffatan waamicha dhiyeesseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Tibbana Addis Standard gulaalli isaatiin haleellaa diroonii mootummaa Itoophiyaa erga yeroo dhiyoo asii, keessattuu erga bara 2020 keessa waraanni naannoo Tigraay eegalee booda, raawwatu miidhaa lubbuu lammiilee nagaa kumaatamaan lakkaawwan irratti geessisaa jiru kaasuun, Raayyaan Ittisa Biyyaa of eeggannoo guddaa taasisuu akka qabu hubachiisuun isaa ni yaadatama.

Itoophiyaa keessatti xiyyaara nama maleessa diroonii jedhamuun beekamu baay’inaan hojiira kan oole yeroo waraana Tigraay keessa ta’uus ammallee dirreewwan waraanaa Oromiyaa fi Amaaraa keessatti mootummaan diroonii fayyadamuun lubbuu lammiilee dabarsaa jira.

Haleellaa qilleensarraa tibbana Waldaa Amantoota Guutuu Wangeelaa naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa ganda Baarootti raawwatameen lubbuu namoonni nagaa saddeet darbe fakkeenya tokko ta’uu danda’a. Haleellaa Muddee 25 ganama gaggeeffameen miseensonni waldichaafi tajaajiltoonni boqqooloo gahe sassaabaa turan miidhamuu kanneen ijaan argan yeroos Addis Standarditti himanii turan. AS

Related Articles

Back to top button