ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Pireezidaantiin Somaaliyaa, Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliin mallatteessite hojiirra akka hin oolchine akeekkachiisan

Finfinnee, Amajjii 24/2024 – Pireezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad, Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallatteessite gara hojiitti jijjiiruuf sochii tokkollee akka hin goone akeekkachiisan.

Daawwannaa hojiif gara Kuwaataar kan imalan Pireezidaantichi turtii miidiyaa Aljaziiraa waliin taasisaniin, “Itoophiyaan karaa Somaaliyaatin ulaa galaanaa argachu kan dandeessu ta’uus adeemsi isaa garuu bulchiinsa naannoo qaama Somaaliyaa ta’e tokkoof beekamtii biyyummaa kennuu fi abbaa biyyummaa Somaaliyaa sarbuudhaan ta’u hin qabu,” jedhan. 

“Waliigaltee akkanaa biyya biraa waliin mallatteessuuf aangoo kan qabu mootummaa federaalaa Somaaliyaa malee mootummaa naannoo miti,” kan jedhan Pireezdaantiin Somaaliyaa, Itoophiyaan akkaataa waliigaltee Somaalilaad waliin geesseen lafa qarqara galaanarra argamu Itoophiyaa waliin walqunnamsiistee fayyadamuuf daangaa Somaaliyaa qaxxaamuruun ishee hin oolu jedhan.

Itoophiyaan hanga ammaatti gara Somaaliyaatti sochii tokkollee hin goone kan jedhan pireezidaantichi, sochii yoo godhan garuu yeroos rakkoo biraatu uumama jechuun akeekkachiisan. 

Daawwannaa dhuma torbee darbetti Masriitti taasisaniin, Pireezidaantii Masrii Abdal Fattaah Al-Siisii waliin dhimma waraanni Masrii gara Somaaliyaa akka galu taasisu irratti akka hin mari’anne kan himan Pireezdaant Hasan Sheek Mohaammad, “akka amantaa keenyatti rakkoon uumame sadarkaa sanirra hin geenye. Haata’u malee, rakkoon jiru akka hin hammaanneefi kan akeekkachiisaa jirru,” jedhan.

Dhuma torbee darbetti Pireezidaantii Somaaliyaa masaraa isaanitti simachuun kan mariisisan Pireezidaantiin Masrii Abdul Fattaah Al-Siisiin ibsa laataniin waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame mormuun, mootummaan isaanii Somaaliyaaf deeggarsa guutuu akka taasisu ibsu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama. 

Pireezidaant Al-Siisiin, “ergaan ani Itoophiyaadhaaf qabu, yaaliin lafa Somaaliyaa xiqqollee to’achuuf godhamu fudhatama kan hin qabne ta’uu isaati,” jedhanii turan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Doorsisa Pirezdaantiin Masrii Abdal Fattaah Al-Siisii irraa dhagahame hordofee Ministeerri Dhimma Alaa fi Walta’iinsa Idil-addunyaa Somaalilaand deebii laateen, “giddu seentummaa qaama alaa kamuu” cimsee kan mormu ta’uu beeksiseera. Somaalilaand ibsa isheetin, Masriin “tattaaffii dippilomaasii taasiftu gara waldhabdee olloota ishee Sudaan, Liibiyaa fi Gaazaa keessa jirutti akka deebistu” hubachiisteetti.

Amajjii 01, 2024 Itoophiyaa fi Somaalilaand waliigaltee walhubannaa kana mallatteessuu isaanii guyyoota muraasa dura Jibuutiitti Pireezdaantii Somaalilaand Musee Bihii Abdii waliin dhimma “hariiroo Somaaliyaa fi Somaalilaand fooyyeessuu danda’amu irratti, akkasumas haala Somaaliyaa tokkomsuun danda’amu” irratti mari’achuu kan himan Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad, “dhimma waliigaltee guyyaa muraasa booda dhufuuf jiru waa tokkollee osoo natti hin himiin na dhoksanii turan” jedhan.

“Dhimmi waliigaltee kanaa takkaayyuu hin kaane. Nuti haala Somaaliyaa tokkoomsuu dandeenyu irratti malee Somaaliyaa qoqqooduun mari’achaa hin turre. Mariichi yeroo xumuramuus MM Abiy Ahimad dhuunfaatti anaaf gammachuu isaa naaf ibse. Borumtaa isaa ammoo Somaalilaand waliin mallatteesse” jedhan.

Furmaata hundaaf fayyadu jiraayi jedhamanii kan gaafataman pireezdaantichi, “kubbaan harka Itoophiyaarra jirti” jechuun deebisan. 

“Gaaffiin jiru Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu qabdi moo hin qabdu kan jedhu miti, Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu nutis ni barbaanna. Mootummaan Somaaliyaa dhimma kana irratti Itoophiyaa waliin mari’achuuf qophiidha, haata’u malee, lafa cittullee fudhachuuf kan yaalu yoo ta’e garuu waliigaltee tokkollee gochuuf qophii miti” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button