DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Hojjattoonni aanaa Gooroo Doolaa caaseffama haaraa mormuun gadhiisanii ture gita hojiisaaniitti deebi’an

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee Fulbaana 20, 2023 – Qajeelfama Mootummaa Naannoo Oromiyaa (MNO) irraa darbeen hojjattoonnii fi aanga’oonni aanaa Gooroo Doolaa caaseffama haaraa godina ‘Boorana Bahaa’ mormuun baqatanii ture guyyaa kaleessaa irraa eegalee gita hojiisaaniitti deebi’uu jiraattonnii fi hojjattoonni bulchiinsa aanichaa himan.   

Jiraattonnii fi hojjattoonni aanichaa Addis Standard’tti dubbise akka jedhanitti, aanga’oonnii fi hojjattoonni aanaa Gooroo Doolaa gita hojii gadhiisuun baqatanii turan qajeelfama mootummaa naannoo Oromiyaa irraan ergameen gita hojii isaaniitti akka deebi’an affeeramaniiru. Akkasumas, rakkoo ture kanaaf furmaanni waaraa hanga kennamutti yeroodhaaf aanaa Gooroo Doolaa godina haaraa ‘Boorana Bahaa’ jedhamu jalatti caaseeffamuun hafee godina Gujii Bahaatiin akka waamamu qajeelfamni darbuu himaniiru.

Jiraataa anichaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate akka jedhutti, qajeelfama MNO fi waamicha godinoonni lamaan taasisan hordofuun hojjattoonni fi aanga’oonni aanichaa baqatanii dhokachaa turan guyyaa kaleessaa irraa eegalee hojii isaanii egaluu hima. Sodaachisoo fi doorsisa poolisii fi humnoota tika nageenyaatiin godhamaa tureen walqabatee hojjattoonnii fi aanga’oonni kunneen gita hojii isaanii ji’a lamaan dura gadhiisanii gara magaalotaa fi godina biraatti baqatanii waan tureef waajjirri aanaa kuni ji’oota lamaaf cufaa turuu raga bahaan kuni eereera.

“Rakkoo jiruu marii fi karaa nagaatiin furra jechuun waan affeeramaniif hojjattoonni dheessanii turan deebi’uun guyyaa kaleessaa hojii egalaniiru. Ummannis bahee simatee ture,” raga bahaatu jedhe.

Haata’u malee, bulchaa aanaa Gooroo Doolaa dabalatee miseensonni koree qindeessituu fi miseensonni kaabinee aanichaa lakkofsaan 14 ta’an murtee caaseeffama haaraa kana cichanii mormaa turan hiidhamanii ture. Isaan hidhaman kuni ammas mana hidhaatii hin bahin jiraachuu mirkaneessuu ragaaleen kunneen himaniiru.

Qajeelfamni darbe kuni waadaa afaanuma galame malee wanti ifatti labsame waan ta’iniif furmaanni waaraa hanga kennamutti ummanni godinichaa itti fufee kan falmu yoo ta’u ammaaf garuu marii nagaa mootummaan jedhu abdii godhachuun hojjattoonni kunneen gita hojiisaaniitti deebi’uu raga bahaan kuni himeera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Jiraattonni godina Gujii Bahaa caaseeffama haaraa godina ‘Boorana Bahaa’ jedhu mormaa turaniiru. Jiraatoonnii fi aanga’oonnii aanaa Gooroo Doolaa garuu haala adda ta’een mormii cimaa gageessaa turaniiru. Jiraattonnii fi aanga’oonni aanaa Gooroo Doolaa kunneen garuu aanaa Boorana Bahaa hundeessuun dirqama barbaachisaa yoo ta’e aanaa Gooroo Doolaa keessaa baasuun godina Gujii Bahaa jalatti deebisuun aanaalee hafan godina ‘Boorana Bahaa’ jalatti akka caaseeffaman yaada jedhus kaasuu isaanii jiraataan kuni addeeesseera.

Jiraataan aanaa Gooroo Doolaa biraa jiraattonnii fi aanga’oonni kunneen karaa nagaatiin qabsaa’uu yaadanii hojiitti deebi’an malee caaseeffama haaraa mormuu itti fufanii kan jiran ta’uu hima. Hojiirra oolmaan caaseeffamni haaraa godina ‘Boorana Bahaa’ jedhu yeroodhaaf dhaabbatee jiraachuu dabalee ibseera. 

Caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa yaa’ii idilee Guraandhala 27, 2023 gaggeesseen “gaaffii misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii deebisuu fi rakkoo nageenya naannoolee ollaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf” godinni Boorana Bahaa godina 21ffaa ta’ee bifa haaraatiin akka gurmaa’uu fi teessoon isaa magaalaa Nageellee ta’ee murtaa’uu ibsamuun isaa ni yaadatama.

Murteen kuni darbuun walqabatee jiraattonni aanota godina haaraa ‘Boorana Bahaa’ jalatti caaseeffamanii ture mormii dhageessisaa turaniiru. MNO garuu humnoota tikaa bobbaasuun mormii uummataa too’achuuf hojjachaa turuun ni yaadatama. Jiraattonni aanota kanneenii garuu qoqqobbiiwwan akka lagannaa hojii, gabaa fi geejjibaa gaggeessuun mormaa turuun ni yaadatama. Yaaliin rakkoo jiru mariin furuuf MNO taasisaa tures milkaa’ina gahaa hin argamsiifne ture.

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button