DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Qaamolee mirga namoomaa sarban irratti himanni akka banamu koreen haqa ce’umsaa gaafate

Finfinnee, Muddee 01, 2023 –  Qaamoleen sarbiinsa mirga nanoomaa raawwatan irratti himanni seeraa akka banamu miseensonni koreen haqa ce’umsaa gaafatan.

Koreen haqa ce’umsaa miseensota 13 of keessaa qabu kuni ibsa baaseen, qaaamoleen yakka sarbiinsa mirgoota namoomaa raawwatan kunneen seeraan gaafatamuu qabu jedhan.

Koreen haqa ce’umsaa kuni Sadaasa 2023 kan ijaarame yoo ta’u akkaataa hojiirra oolmaa haqa ce’umsaatiin walqabatee qajeelfama labsii qopheessaa tureera.

Koreen kuni bulchiinsa mootummaa naannoleefi magaalotaa keessattii marii hawaasaa 58fi waltajjiiwwan biroo 22 wajjiin dhimma miidhamtoota sarbiinsa mirga namoomaa irratti mari’achuu VOA’n gabaaseera.

Dhimmoota ijoo garaagaraa kan akka yakkamtoota seeratti dhiyeessuu irratti mari’achuun murtee dabarseera.

Cabiinsa mirga namoomaa gurguddoo ta’an irratti himanni banamuu akka qabu miseensa korichaa Qaalkidaan Darajjee wabeeffachuun gabaaseera.

Himanni kuni abbootii seeraafi dhaabbilee qofaatti dhimma kanaaf ijaaramaniin gaggeeffamu akka qabu eerameera. Akkasumas, qorannoon haqichaa qaama loogiirraa builisa ta’een gaggeeffamu akka qabu gabaasichi eereera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Iddoolee ajjeechaan jumlaa itti raawwatamanitti siidaafi godhambaa ijaaramuufi gumaa maallaqaa kaffalamuu akka qabu ibsameera.

Waraana mootummaa federaalaafi loltoota Tigraay gidduutti gaggeeffameen tureen sarbiinsi mirga namoomaa qaamoleen waraanicha hirmaatan garaagaraatiin yakki raawwatamuu ibsuun haqi ce’umsaa hojiirra akka oolu gaafatamaa tureera. AS

Related Articles

Back to top button