ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mootummaan Somaalilaand Itoophiyaaf ulaa galaanaa kennuu beeksise; kaabineen Somaaliyaa har’aaf walga’ii ariifachiisaa waameera

Finfinnee, Amajjii 02/2024 – Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand waliigaltee Wiixata waaree booda Muummee Ministiraa Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Preezdaantii Somaalilaand Muusee Bihi Abdii gidduutti mallattaa’e ifatti mirkaneesseera. Waliigaltichi Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km humna galaanaa itti ijaarrattu akka qabaattu fi Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa akka kennitu kan taasisu ta’uu ibseera. 

Gama biraatiin, ejjennoo cimaa ‘Somaalilaand qaama bulchiinsa kooti’ jedhu kan qabu mootummaa Somaaliyaa walga’ii ariifachiisaa kaabinee olaanaa har’aaf kan waame yoo ta’u, waliigaltee kana ilaalchisee [keessattuu dhimma Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii idil addunyaa kenniti jedhameef] mari’atee murtoo akka kennu beeksiseera. 

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa Addis Standarditti ergeen, “waliigaltee seena qabeessa kun Itoophiyaan humna galaanaa isheetiif ulaa galaanaa akka argattu kan mirkaneessu yoo ta’u, deebiidhaan ammoo Rippabiliika Somaalilaandiif beekamtii akka kennituu waliigaluun keenya biyya keenyaaf milkaa’ina dippilomaasii guddaati, ” jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin ibsa Wiixata galgala baaseen, waliigaltichi “fedhii Itoophiyaan ulaa galaanaa irratti qabdu mirkaneessuu fi filannoo buufata galaanaa bal’isuuf karaa ni saaqa” jedhe. 

Kana malees, waliigalteen kun filannoo buufata doonii biyyatti bal’isu dabalataan Itoophiyaan “kiraa buufata waraanaa galaana Diimaa irratti argamu” akka argattu kan dandeessisu ta’uu Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Mummichi Ministira kan ta’an Reedwaan Huseen ibsaniiru.

MM Abiy “humna galaanaa isaaniif buufata galaanaa akka argatan gaafachuu isaanii” kan eeran Pirezidaanti Musee Bihi Abdiin, Somaalilaand Itoophiyaa irraa beekamtii argachuuf yeroo dheeraaf eegaa akka turte ibsaniiru. 

”Har’a boonsaa guddaadhaan, waliigaltee faayidaa waloof Somaalilaandiifi Itoophiyaa gidduu mallatteeffame nan ifoomsa. Akkaataa waliigaltee kanaan, Itoophiyaan Humnoota Galaanaa isheetiif waggoota 50f liiziidhaan galaana irraa KM 20 akka argattu taasifama, Itoophiyaan ammoo Rippabiliika Somaalilaandiif beekamtii ni kenniti. Kunis biyya jalqabaa biyya keenyaaf beekamtii idil-addunyaa kennite ishee taasisa,” jedhan Pirezedaant Bihi.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa isaatiin, “ulaan galaanaa liiziidhaan kennamu hafuura tumsa tarsiimoo waliigaltee dippilomaasii kanaan hundeeffame kan cimsu ta’uu isaa hubachuun murteessaadha” jedhe.

Gama biraatiin kaabineen mootummaa Somaaliyaa har’a (Kibxata) walga’ii ariifachiisaa waamuun waliigaltee kana ilaalchisee mari’atee murtoo akka kennu” beeksiseera. 

Somaalilaand waggoota Kernan sadiif adda baatee akka biyya of dandeesseetti of ilaaltuus, Somaaliyaan akka qaama naannoo kaabaa isheetti ilaalti. AS

Related Articles

Back to top button