ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Somaaliyaan waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame “fudhatama hin qabu” jette

Finfinnee, Amajjii 02/2024 – Dhimma waliigaltee ulaa galaanaa mootummaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu kaleessa mallattaa’e ilaalchisee har’a ganama walga’ii ariifachiisaa kan waame kaabineen Somaaliyaa, waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaaf kennuuf irra gahame “fudhatama kan hin qabnedha” jedheera.

Ministirri Mummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Barree walga’ii kana irratti haasawaa taasisaniin, “mootummaan Somaaliyaa lafa, galaana fi qilleensi biyyattii akka hin sarbamneef kutannoo qabu uummata keenyaaf ni mirkaneessina,” jedhan.

“Gochi Itoophiyaa kun nagaa fi tasgabbii gaanfa Afrikaa kan booreessuudha,” kan jedhe kaabinichi, Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaa, Liigii Arabaa fi Dhaabbata Walta’insa Islaamaa akka gidduu seenan waamicha taasiseera.

Kana malees, Somaaliyaan Ambaasaaddara ishee Itoophiyaatti argamu mariif waamuu ishee CGTN gabaaseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand waliigaltee Wiixata waaree booda MM Abiy Ahimad fi Preezdaantii Somaalilaand Muusee Bihi Abdii gidduutti mallattaa’e ifatti mirkaneessuun isaa ni yaadatama. 

Waliigaltichi Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km humna galaanaa itti ijaarrattu akka qabaattu fi Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa akka kennitu kan taasisu ta’uu ibseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa Addis Standarditti ergeen, “waliigaltee seena qabeessa kanaan Itoophiyaan humna galaanaa isheetiif ulaa galaanaa akka argattu kan mirkaneessu yoo ta’u, deebiidhaan ammoo Rippabiliika Somaalilaandiif beekamtii akka kennituu waliigaluun keenya biyya keenyaaf milkaa’ina dippilomaasii guddaati, ” jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin ibsa Wiixata galgala baaseen, waliigaltichi “fedhii Itoophiyaan ulaa galaanaa irratti qabdu mirkaneessuu fi filannoo buufata galaanaa bal’isuuf karaa ni saaqa” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button