ODUUSIYAASA

Oduu: Waliigalteen Priitooriyaa itti fufiinsaan hojiitti akka hiikamuu biyyoonni 10 gaafatan

Finfinnee, Sadaasa 02, 2023 -Bu’aa waliigalteen Piriitooriyaa buuse jajuun tasgabbii fi nageenya lammiilee waaressuuf hojiin itti fufaan akka hojjatamu imbaasii fi ergamoonni biyyoota 10 teessoo isaanii Finfinnee taasisan gaafataniiru.

Ibsi waloo imbaasiifi ergamoonni biyyoota Awustraaliyaa, Kaanaadaa, Deenmaark, Niiw Ziilaand, Noorweey, Swiidiniifi Ingiliiz baasaniin waliigalteen Piriitooriyaa gama waraana mootummaa federaalaa fi loltoota Tigraay gidduu ture dhaabuu fi nagaa buusuu keessatti gahee qabaachuu ibsaniiru.

 Haa ta’u malee, nageenyaa lammiilee waareessuuf wantoonni biroo dabalataan hojjatmauu qabu jedhaniiru. Waraana hiikkachuu, sochii waraanaa dhaabuu, deebisanii ijaaruu, marii biyyaalessaa, humnoota Eritraafi humnoota mootummaa hin ta’iin, lammiilee buqqaafaman deebisanii qubachiisuu, haqa ce’umsaa raggaasisuufi badii raawwatameef itti gaafatamummaa mirkaneessuudhaan hojiirra oolmaa waliigaltichaa too’achuu fi adda baasuun kan hafu ta’uu ibsichi addeesseera.

“Qaamoleen hundi waliigalticha guutumattii hojiirra akka oolchaniifi  rakkoo jiru mariidhaan hatattamaan akka furan gaafanna,” ibsichatu jedhe.

Hokkora naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti mul’atuun walqabatee dhiittaa mirga namoomaa naannicha keessatti  mudachaa jiru “yaaddeessaadha” jechuun qaamoleen hidhatanii socho’an lola akka dhaaban waamicha taasisaniiru.

“Lammileen nagaatiif eegumsi akka taasifamu lolli akka dhaabbatuufi mariin hunda hammaataan akka gaggeeffamu qaamolee [hidhataniii socho’an] gaafanna,” ibsichi dabalee jedheera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button