DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Hojjettoonni mootummaa Naannoo Kibbaa duraanii 220 ol hojiitti ramadamuu dhabne jechuun komii dhiyeessan

Finfinnee, Onkoloolessa 10/2023 – Gaaffii uummataa yeroo dheeraaf ture bu’uura irraa deebi’uuf yaadamee Naannoon Saboota Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa jedhamuun duraan beekamu bakka afuritti baqee naannolee haaraa afur federeeshinii Itoophiyaatti erga makamanii booda jiraattotni naannolee afran kunneen rakkoolee hawaasummaa garagaraaf saaxilamaa jiraachu himu.

Gaaffileen uummataa deebii akka argatan abdiin yeroo naannoleen kunneen hundeeffaman ture harkifannaa miindaa, hanna, rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojimaata badaa dabalatee rakkoolee hawaasummaa garaagaraan akka yaadame ta’uu dhabuu jiraattotni himu.  

Naannolee dhiyeenya kana of danda’anii hundeeffaman keessaa tokko kan ta’e Naannoo Sidaamaa keessatti mootummaan naannichaa hojjettoota ramadaman 349 keessaa hojjettoota kan naannoo Kibbaa duraanii 223 hin simadhu jechuu isaa hojjettoota  biratti mormii kaasuu VOAn gabaaseera. “Murtiin sun kan darbe afaan Sidaamaatiin waan ta’eef hin dandeessan jechuudhaan ulaagaa ramaddii hojjettootaa keessa haal duree kana dura hin tureen yakki nu irratti raawwateera” jechuun komee isaanii dhiyeessaniiru. 

Hojjettootni kunneen komii isaanii dhiyeeffachuuf waajjira bulchiinsa naannoo Kibbaa duraaniitti wal ga’uun komii isaanii dhiyeeffataniiru. Akka fedha isaaniitti naannoo Sidaamaatti ramadamanis, heera mootummaa naannoo tuquudhaan waajjirri qabeenya humna namaa naannoo Sidaamaa murtii isaanirratti dabarse kan isaan gaddisiise ta’uu ibsaniiru.

Sagaleen Ameerikaa (VOA) ragaa waajjira qindeessaa projektii naannoo Kibbaa duraanii irraa argadhe jedhe gabaasetti, naannoleen afran kun wayita hundeeffaman naannoon Sidaamaa hojjettoota 1327, naannoon Kibba Lixaa Itoophiyaa hojjettoota 1029, naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa hojjetoota 1958, akkasumas naannoon Kibba Itoophiyaa ammoo hojjettoota 2320 akka simatan murtaa’eera.

Baatii jahaan dura, naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa godina Haadiyyaa aanaa Badawaachoo Bahaa keessatti hojjettoonni mootummaa sababa harkifannaa miindaatin mormii gaggeessuu isaanii fi adeemsa hiriira mormii kana keessatti tarkaanfii poolisiin mormitoota bittinneessuuf fudhateen namoonni sadii poolisiin reebamanii gara hospitaalaatti geeffamuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama.

Akka hojjetaan mootummaa yeroos Addis Standard dubbise ibsutti, “rakkoon miindaa waliin walqabatu kun hojjettoota mootummaa bulchiinsa magaalaa Hosaa’inaa keessatti hojjetaniif yeroon miindaan isaanii kaffalamaafi jiru irraa kan hafe aanaan 13 fi bulchiinsa magaalaa sadii keessatti, addatti ammoo aanaa Baadewaachoo Bahaa fi Lixaa keessatti miindaa isaanii yeroon osoo hin kaffalamiif ji’a sadii ta’eera,” jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhimmuma walqabatuun hojjattoonni mootummaa mindaan isaanii ji’a sadiif hin kennamneef mormii dhiheessuu isaanitiin walqabatee namoonni 40 ol hidhamuu isaanii VOAn gabaase ture. Barsiisotaa alaatti hojjattoonni mootummaa ji’oottan sadiif mindaan akka hin kaffalamneef kan ibse gabaasni kun, bulchiinsi naannoo hojjattoota kaffaltiidhaan walqabatee mormii dhageessisan hordofuudhaan akka tarkaanfii irratti fudhachaa jiru ibse ture. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button