ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan federaalaa Bulchiinsi Yeroo Tigraay waliigaltee Piriitooriyaa guutumatti hojiitti hiikee hin xumurre jedhe

Finfinnee, Sadaasa 06, 2023 –  Bulchiinsi Yeroo Tigraay waliigalteen mootummaa federaalaa fi loltoota Tigraay gidduutti Priitooriyaatti mallatteeffame guutumatti hojiitti hin hiikin jiraachuu tajaajilli sab-qunnamtii federaalaa ibse.

Kabaja waliigaltichaa waggaa tokkofaatiin walqabatee biirichi ibsa guyyaa har’aa baaseen, mootummaan federaalaa “hanga irraa eegamuu olitti hojjate” jedheera. Waliigalteen kuni guutumatti hojiitti akka hiikamuuf mootummaan kutannoo qabaachuu eeruun, haata u malee qaamoleen hundi gahee isaanii bahuu qabu jedheera.

Haata’u malee, meeshaalee waraanaa sasalphaa hiikachuufi raayyaa ittisa biyyaatiif dabrsee kennuu irratti hanqinni jiraachuun ibsameera.

Mootummaan federaalaa gama gahee bulchiinsaa akka taphatuu fi karaa ministeera qoonnaatiin misooma qonnaatiif “gargaarsa olaanaa” gochaa tureera jedhe. Akkasumas, yuunivarsitiiwwaniifi manneen barnootaa gara hojii idileetti deebisuuf, baajata raayyaa ittisa biyyaa irraa hir’isuun gochaawwan garaagaraa ergama isaatii ala ta’an hojjachaa turuu himeera.

Gochaawwwan tokko tokko ofii raawwachaa, yookimmoo gargaarsa gochaa, kaanimmoo obsaan bira darbaa waliigaltichi guutumatti hojiitti akka hiikamuuf yaalii taasiseera.

“Naannoowwan abbummaan isaanii gaaffiin irratti ka’u” walqabatee waldhabdee jiru hiikuuf filannoo uummataa taasisuuf murteen akka darbu hojjachaa jiraachuu eereera. Buqqaatoonni naannicha keessa jiran gara qe’ee isaanii akka deebi’aniifi bulchiinsa uumataan filame akka ijaaramu taasiseeras jedhe.

Waraanni mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay wajjjiin waggoota lamaa oliif gaggeeffamee ture wliigaltee Afrikaa Kibbaa, Piriitooriyaatti Sadaasa 2021 raawwatameen goolabamuun ninyaadatama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button