DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Baabbileetti arboonni shan adamsa seeraan alaatiin ji’a tokko keessatti ajjeefaman

Finfinnee, Amajjii 16, 2024 – Paarkii uumamaa Baabileetti adamsi arba seeraan ala godhamuu dabalaaa jirrachuu Abbaan taayitaa kunuunsa bineensa bosonaa Itoophiyaa beeksise. Ji’a tokko keessatti arboonni shan “adamsa seeraan alaatiin” ajjeefaman.

Hojiiirraa oolmaan seera adamsa seeraan alaatiin walqabtee gadiaanaa ta’uurraan kan ka’e adamsi seeraan alaa dabalaa jiraachuu abbaan taayitichaa ibseera.

Paarkichatti itti gaafatamaan abbaa taayitaa adeemsa seeraa kan ta’an Obbo Daani’eel Asaffaa EPA’tti akka himanitti, adamsi seeraan alaafi geejjibni bineensota bosonaa rakkoo gudddaa ta’uu eeraniiru.

Hojiin yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf qaamolee seera kabachiiftuu waliin hojjachaa jiraachuu Daani’eel himeera. Yakkoota kanaan dura hojjetaman seeratti dhiyessuufi adabbii cimaa fudhachuu dhabuun rakkoon kuni akka dabalu taasiseera.

Gochaawwwan qonnaa, bosona mancaasuufi ijaarsi seeraan alaa rakkoolee paarkii uumamaa Baabbilee qunnamaa jiran ta’uu addeesseera.

Rakkoo kana dhabamsiisuuf hojiileen garaagaraa hojjatamaa jiraachuu Daani’eel dubbateera. Akkasumas, Cheetah bineensa bosonaa biraa gurguramaa jiru ta’uu dabalee eereera.

Paarkiin kuni godina Harargee Bahaa aanaa Baabbillee keessatti argama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button