ODUUSIYAASA

Oduu: Ministeerri raayyaa ittisaa haleellaa Alshabaab fashaleesse jedhe

Finfinee, Onkolooleessa 03, 2023 – Ministeerri raayyaa ittisa biyaa haleellaa gareen Alshabaab naannoo Somaalii aanaa Dooloo Adootti gaggeessuuf karoorfatee ture fashaleesse jedhe.

Ministeerichi ibsa baaseen, gareen Alshabaab aanaa Dooloo Adoo seenuun keemikaala boba’aa jaariikaana jahaa fi rasaasa dhuka’aa 3000 ol qabachuun haleellaa “balleessanii baduu” raawwachuuf karoorfatee ture fashaleessuu himeera.humnoonni tikaa aanichaa fi miseensonni raayyaa waloon ta’uun miseensota Alshabaab gochaa kana raawwachuuf karoorfatan too’annoo jala oolchuu ibsi ministeerichaa eereera.

Gareen Alshabaab kuni haleellaawwan wal fakkaatoo biraa raawwachuuf irra deddeebiin yaalii taasisuu eeruun hordoffii raayyaa ittisaa fi ummataatiin too’atamuu Biriigaadeer Janraal Geetachoo wabeeffachuun ibsichi gabaaseera.

Kana malees, humni raayyaa ittisa biyyaa haleellaa Alshabaab fashaleessuuf naannicha keessa qubatee argamu gahumsa gaarii irra jira jechuun hogganaa raayyaa ittisa naannoo sana qubate argamuu kan ta’e ajajaa abbaa dhiibbaa Fantaa Ayyalaa himuu ibsichi addeesseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button