DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Keeniyaan Amajjii bara 2024 irraa eegalee turistoota addunyaa hundaaf ulaagaa viizaa akka kaastu beeksifte 

Finfinnee, Muddee 13/2023 – Keeniyaan Amajjii 2024 irraa eegalee lammiilee addunyaa hundaaf barbaachisummaa viizaa akka haqxu beeksifteetti. Pirezidaantii Wiliyaam Ruutoon murtoo kana yeroo labsan, sababni tarkaanfii kanaa biyyattiin daangaa ishee banuun guddina hawaas-dinagdee addunyaa tarkaanfachiisuun kaayyoo qabduun ta’uu ibsaniiru.

“Amajjii bara 2024 irraa eegalee Keeniyaan biyya viizaa irraa bilisa taati. Kana booda namni kamiyyuu golee addunyaa kamirraayyuu gara Keeniyaatti dhufuuf dirqama viizaa gaafachuun barbaachisaa hin ta’u,” jedhan Wiliyaam Ruutoon.

Imaammata kana hojiirra oolchuuf sirna dijitaalaa karaa elektirooniksiin imaltoota gara Keeniyaa deeman hunda dursanii adda baasuu dandeessisu qophaa’uu himameera. Imaltoonni erga adda baafamanii booda hayyama imala elektirooniksii ni argatu, kunis adeemsa seensa ni sirreessa jedhameera.

Yaadama Afrikaa daangaa-maleessa fi imala dirqama viizaa irraa bilisa ta’ee leellisuun beekaman Pirezidaant Ruutoon, ergaa addunyaaf dabarsaniin, “Tobong’u Lorre!’ baga nagaan dhuftan!” jedhan.

Imaammata bal’aa viizaa irraa bilisa ta’e kanaan dura Keeniyaan lammiilee Indooneezhiyaadhaaf ulaagaa viizaa dursitee kaaftee turte. Preezdaant Ruutoon murteen kun kan dhufe erga Hagayya 21 hogganaa Indooneezhiyaa Joko Widodo waliin marii taasisan booda ta’uu ibsaniiru. Indooneezhiyaan alattis biyyoota Senegaal fi Koongoonis waliigaltee walfakkaataa Keeniyaa waliin mallatteessuun isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button