DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Qormaanni gahumsaa hojjettoota mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Sanbata dhufu irra deebiin kennama

Finfinnee, Muddee 25/2023 – Qormaanni gahumsaa hojjettoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee rakkoo teeknikaa mudateen otoo hin kennamiin hafe Sanbata dhufu Muddee 30, 2023 ganama sa’aatii 2:00 irraa eegalee akka laatamu Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Humna Namaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Qormaata gahumsa hojjettoota mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee madaaluuf yaadame irratti hojjettootni mootummaa magaalittii kuma 16 ol ta’an Jimaata darbe qormaataan akka taa’an ibsamuus osoo hin qoramiin hafuu ni yaadatama.

Bulchiinsi magaalichaa qormaatichi kan hin kennamne rakkoo teeknikaa mudateeni jedheera. Rakkoo teeknikaa mudateera jedhame kunis dhaabbilee bulchiinsi magaalichaa itti gaafatamummaa laateefi, Yuunivarsiitii Finfinnee fi Yuunivarsiitii Kotobeetti ta’uus ibsameera. 

Bulchiinsi magaalichaa, hojjettootni mootummaa qormaata kana fudhachuuf iddoo qormaatni itti kennamutti obsaan eeggachaa turaniinis rakkoo mudateef dhiifama gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button