DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Barsiisonni godina Haadiyyaatti dhimma harkifannaa mindaan walqabatee sagalee dhageessisan hidhaa fi doorsisni irra gahaa jira

Finfinnee, Muddee 25/2023 – Barsiisonni naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa, godina Haadiyyaatti dhimma yeroo dheeraaf kaffaltii mindaa isaanii jalaa harkifate morman to’annoo jala oolfamaa jiraachuu himame. Barsiisonni miindaan isaanii akka kaffalamuuf gaafachaa turan humnoota nageenyaa naannichaan to’annoo jala oolfamaa jiraachuu maddeen Addis Standard dubbise himaniiru. 

Jiraataan magaalaa Hosa’inaa maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate tokko akka ibsetti, ji’oota lamaaf mindaa gartokkoon kan kaffalame ta’us, rakkoon harkifannaa miindaa barsiisotaa fi hojjettoota mootummaa naannichaa itti fufee jira.

Maddi kun itti dabaluudhaan, namoonni mindaa isaanii jalaa harkifate akka kaffalamuuf gaafatan qaamolee nageenya irraa hidhaa fi doorsisa akka isaan mudatu ibseera. Akka inni jedhutti, brsiisonni magaalaa Hosaa’inaa jiraatan adda durummaadhaan miidiyaa hawaasaa irratti sagalee isaanii waan dhageessisaniif tarkaanfiin kun magaalattii keessa hammaata. 

Harkifannaan mindaa kun baadiyyaa godina Haadiyyaatti, keessumaa godina Badwaachoo Bahaa fi Lixaatti ni hammaata. Aanaalee kunneen keessatti barsiisonni hedduun mindaa isaanii kan hin arganne yoo ta’u, kunis manneen barnootaa hedduun akka cufamaniif dirqisiiseera. 

Barsiisaan Aanaa Badwaachoo Bahaa, magaalaa Shonee keessa jiraatu akka Addis Standarditti himetti, iyyannoo hedduu booda mindaan isaanii kan baatii Fulbaana fi Onkoloolessa irraa muraasa kan argatan ta’uus, mindaa isaanii hafan kan hin arganne ta’uu himeera.  

Barsiisaan kun taateewwan doorsisa hawaasa barnootaa keessatti mudatan kan mirkaneesse yoo ta’u, aanga’oonni aanichaa mindaa barsiisota gaaffii kaasan 40 ugguruu isaanii ibseera. Akka inni jedhutti, Badwaachoo Bahaa keessatti barsiisota dhimmicha ifatti gaafatan hidhaa akka isaan mudata. 

Qormaata itti fufiinsaan mul’achaa jiru ilaalchisee Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) naannolee Giddugaleessa Itoophiyaa fi Kibba Itoophiyaa dabalatee daawwannaa naannolee haaraa hundeeffamanitti taasiseen rakkoolee hawaas-diinagdee harkifannaa miindaan walqabatee uumaman jiraachuu ibseera. Kana furuufis bulchiinsonni naannolee fi godinaalee xiyyeeffannoo addaa kennu akka qaban hubachiiseera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Komishinichi daawwannaa Sadaasa 01 hanga 14, 2023 naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa, godina Haadiyyaatti gaggeesseen rakkoon kun sadarkaa olaanaarra gahuu hubachuu ibseera. Keessattuu bulchiinsa magaalaa Shoonee, aanaalee Baadwaachoo Bahaa, Baaadwaachoo Lixaa, bulchiinsa magaalaa Hosaa’inaa fi aanaa Gombooraatti hojjettoota mootummaa miidhaman dubbisuu fi bu’uuraalee misoomaa sababa kanaan hojii dhaaban daawwachuu ibseera.

Qorannoon KMNI akka agarsiisutti bara 2019 irraa eegalee mindaa barsiisota 9,000 godinicha keessa argaman harkifataa kan ture yoo ta’u, mindaan isaanii guyoota 10 hanga 20tti harkifataa turuu ibseera. 

Rakkoon kun kan hammaate Hagayya 2023 keessa yeroo hojjettoonni mootummaa harki caalaan mindaa isaanii hir’isuun isaan mudate ture. Kunis rakkoo walxaxaa hawaas-diinagdee geessisuu ibsameera. Hojjettootni mindaan jalaa harkifatee rakkoo hawaasummaa guddaaf saaxilamuu bira darbee kanneen mormii dhageessisanis haleellaa, doorsisa, dararaa fi hidhaa irraa gahaa jiraachuus ibseera.

Tajaajilli eegumsa fayyaa aanaalee afran keessatti sababa mindaa kaffalamuu dhabuun hojii dhaabuus ibseera. Hospitaalli sadarkaa tokkoffaa Shonee kan namoota 650,000 tajaajilu Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee hojjettoonni hojii dhaabuu isaaniitiin cufamuuf dirqameera.

Dhiibbaan barnoota irrattis geessisaa jiruus gadi fagoodha. Barattoonni manneen barnootaa mootummaa 101,000 ol ta’an yeroo qorannoo kun gaggeeffamutti sababa barsiisonni hojii dhaabaniif, barnoota ala ta’aniiru. 

Komishinichi, mootummaan mindaa yeroon akka kaffaluu fi mirgoota bu’uuraa hojjettootaa eeguuf tarkaanfii sirreeffamaa akka hojiirra oolchu gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button