DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Buna (coffee) dhuguun fayyaa tiruu eeguuf kan fayyadau ta’uu qorannoon mul’ise

Finfinnee, Amajjii 16, 2024 – Buna guyya guyyaatti dhuguun dhibee coomni tiruu keessatti kuufamuu irraan dhufu (Non-Alcoholic Fatty Liver Disease) jedhamu kan ittisu ta’uu qorannoon fayyaa agarsiisuu Hospitaala Riiferaalaa Yuunivarsiitii Wallaggaatti Ispeeshaalistiin dhibee keessoo Dr. Gurmeessaa H. himan.

Buna dhuguun coomni akka hin kuufamne ittisuun carraa dhibee cooma tiruutiin qabamuu kan hir’isu ta’uu ogeessi fayyaa kuni himaniiru.

 Dhibeen tiruu akkamiin nama qabuu danda’a?

Dhukkuba vaayirasota tiruu ofirraa ittisuu, kunis qulqullina naannoof dhuunfaa eeguudhaan (Hepatitis A ittisa), walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hin qabne irraa fagaachuu (hepatitis B fi C ittisa), qoratamanii ilaalamanii talaallii fudhachuun Hepatitis B ittisuu mala.

Qorichoota ajaja ogeessaa fayyaa malee sababa gara garaaf (keessumaa dhukkubbiif) fudhataman hanga eyyamamuu ol (overdose) fudhachuun miidhaa tiruu (Drug induced hepatitis) namatti fiduu danda’a.

Diina tiruu kan ta’e dhugaatii alkoolii (Alcholic liver disease) jedhamu fiduu danda’a.

Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu, sochii qaamaa sirriitti taasisuu dhabuu fi ulfaatina qaamaa baay’ee olka’aa ta’e qabaachuun dhibeen kuni dhalachuu kan danda’u ta’uu danda’a Dr. Gurmeessaan ibsaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button