ODUUSIYAASA

Oduu: Ameerikaa, UK fi Kaanaadaan qaamolee hojjettoota Baankii Misooma Afrikaa irratti haleellaa raawwatan akka gaafataman hubachiisan

Finfinnee, Muddee 28/2023 – Reebicha fi hidhaa tibbana magaalaa Finfinnee keessatti hoji gaggeessaa Baankii Misooma Afrikaa damee Itoophiyaa Dr Abdul Kamaaraa dabalatee hojjettoota baankichaa lama irratti raawwatame ilaachisee qaamolee nageenyaa haleellaa kana raawwatan irratti qorannoo gaggeeffamee itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u mootummoonni Ameerikaa, Kaanaadaa fi Yunaaytid Kingidam gaafatan.

Mootummaan Yunaaytid Kingidam ibsa gabaabaa karaa imbaasii isaatin baaseen, biyyoonni hundi Waliigaltee Viyanaa dippiloomaatonni bakka deeman hundatti nageenyi isaanii akka eegamu tumu akka kabajan hubachiiseera. Kana malees, reebicha fi hidhaa hojjettoota Baankii Misooma Afrikaa irratti qaqqabe akka qoratamu gaafateera. 

Mootummaan Kaanaadaa gama isaatiin, haleellaa hojjettoota baankicha irratti qaamolee nageenyaa Itoophiyaatin raawwatame akka isa yaaddeessu ibsuun, qaamoleen haleellicha raawwatan hanga ammaatti itti gaafatamuu dhabuu isaaniin gadduu ibseera. Itti dabaluun, dippiloomaatonni akkaataa Waliigaltee Viyanaatin nageenyi isaanii eegamu qaba jedhe. 

Ibsa biyyoota kunneen baasan dura mootummaan Ameerikaa ibsa baaseen, mootummaan Ameerikaa “dhiittaa fi hidhaa hojjettoota baankichaa irratti gahe akka isa yaaddeessuufi qaamoleen yakka waliigaltee idil addunyaa kana cabsan akka itti gaafatamuu akka qaban” hubachiiseera. 

Baankiin Misooma Afrikaa ibsa Sadaasa 16, 2023 baaseen hojjettootni isaa lama Onkoloolessa 31 “humnoota nageenyaa Itoophiyaatin seeraan ala hidhamuu fi dhiittaa qaamaa irra gahuu” ibsuun isaa ni yaadatama.

Sana hordofee baankichi ibsa kan biraa torbee darbe baaseen, hojjettoota isaa lammummaa biyya alaa qaban atattamaan Itoophiyaa keessaa baasuuf ta’uu beeksiseera. 

“Mootummaan Itoophiyaa qorannoo qaamolee nageenyaa haleellicha raawwataniiru jedhaman irratti gaggeeffame baankichaaf qooduu dhabuu fi hojjettoota biratti gama nageenyaan amantaa guutuu argachuu dhabuu isaatin,” kana murteessuu beeksiseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button